Barraqii Aanoolee
Peace are no alternative
HOJII QALBII
Rabbi Qalbii uumee mootii Qaama hundaa taasise.
• Qaamolee hunda ammoo waraana isaa ykn gargaartota isaa taasise, yoo mootichi qajeele waraanni isaas ni qajeela.
• Akkuma Rasuulli (SAW)jedhan “Qaama namaa keessa cittuu foonii takkatu jira yoo isheen tolte qaamni hundi ni tola yoo isheen badde qaamni hundi ni bada cittuun sun qalbii ykn onneedha" jedhan. (Bukhaariifi Muslimtu gabaase)
• Onneen qubsuma sodaa Rabbiitiifi Iimaanaati, akkasumas warra hin amaniniif qubsuma kufrii, nifaaqaa fi shirkiiti.
• Ergamaan Rabbii( SAW)akkana jedhan: "sodaan as keessa, jedhan yeroo sadi gara qoma Isaaniitti
akeekuun"(muslimtu gabaase)
• IIMAANNI : yaada qalbiiti, jecha arrabaati, dalagaa qaamaati.
• Qalbiin namaa ni amana ni dhugoomsas, isa kana
ammoo hojiin mirkaneessa.
Rabbi qalbii bareedu nuu haa kennu🥰
13/05/2025
FAAYIDAA CUUNFAA QULLUBBII ADII LOOMII WALIIN
✅Marsa dhiigaa ni guddisa
✅Dhibbaa dhiigaa OL'AANAA ni to'ata
✅SUKKARA DHIIGA OL'AANAA ni to'ata
✅Dhiira irratti fedhii saalqunnamtii ni guddisa
✅Kolestroolii badaa ni balleessa
✅Kalee fayyaa akka ta'u taasisa
✅Ittisa qaamaa ni guddisa
✅Cooma qaama keessaa balleessa
✅Kaansarii adda addaa ni ittisa
✅Baakteeriyaa H pylori ni dhabamsiisa
✅Afuuftuu fi gaazii ni salphisa
✅Fayyaa sammuu ni guddisa
✅Dhukkubbii keessatti boqonnaa ni kenna
✅Qorra fi dhiphina ittisa, ofirraa ittisa
✅Antibaayootikii uumamaa kanaaf dhukkuba fangaasi kan akka kaandidaa fayyisa
Ganama hunda garaa duwwaatti dhugaa
Click here to claim your Sponsored Listing.
