FaLammii
FalaLammii���
06/06/2026
Ka'umsi loltuu tokkoo jaalala Biyyaa fi Cunqurfamuu sabaa isaati, Kabajaan biyyaa fi aara galfiin Sabaa sanaa moo ga'umsaa isa ta'uu danda'aa.
Kanaaf kabajaa biyyaaf loltuun jiraachu qabaa jennaa.
FaLammii
06/06/2026
Abbaa fi ilma!
30/05/2026
jirra❤💚❤
09/05/2026
🔥Siidaa Dhugaan Seenaa Dha!
Addunyaa kana irratti wanti ijaan mul’atu hunduu dhumti isaa baduu dha. Dhagaan ni xuraawa, sibiilli ni daandaʼa; garuu wanti yoomuu hin jigne mulla’ataa fi seenaa namni tokko dhalootaaf dhaalchisee darbu dha. “Siidaan dhagaa ni jiga, siidaan seenaa garuu dhaloota keessa bara baraan jiraata. Seenaa kee hin balleessin!”
~Diinni yoo dhufe siidaa dhagaa irraa ijaarame diiguu, gubuu ykn dachee keessatti awwaaluu danda’a. Garuu, seenaa gootummaa, amanamummaa fi qabsoo sabaa onnee dhaloota keessatti ijaarame meeshaa waraanaa kamiinuu diiguun hin danda’amu. “Siidaan dhugaan sammuu dhaloota dammaqee keessa jira.”
07/05/2026
❤️💚❤️
07/05/2026
✍️Hin danda'amne hin danda'amu keenna imalli durumatti. Dhagaa fi ibiddi nuun darbatan hundi qareen nu jabeesse malee nu hin balleessin.💊
Obboleessi Artist Hacaaluu Hundeessaa Siisaay, “dhimma yerooti” jechuun quuqqaa garaa isaa jechoota dhokatootiin dubbate
Eebila 27,2018; Miidiyaa Abdii Sabaa
Obboleessa Artistii fi falmaa mirga namoomaa Hacaaluu Hundeessaa kan ta'e, Siisaay Hundeessaa barreeffama afaan Amaariffaan fuul-barruu isaa irratti guyyaa har’aa maxxanseen quuqqaa garaa'saa akkas jechuun baafate.
"Waantota
tokko tokko callisuudhaan darbuun filatamaa ta'us callisuu kee akka waan gocha isaanii duukaa waliigalteetti namoonni lakkaa'an waan jiraniif, bakkaa fi yeroo barbaachisaatti deebii kennuun filannoo osoo hin taane dirqamadha" jedhe.
Itti dabaluunis, "Siisaay barootaaf dogoggoroota lakkaa'uuf illee namatti ciman qofa osoo hin taane, dogoggoroota guutummaatti gadhee ta'an, namoota nuti 'isatti dhiyoodha' ofiin jedhan, namoota dhuunfaa waltajjii irratti qofa isa beekan kanneen 'ajjeestota fira fakkaatan' hedduu isaanii taajjabneerra.
Dhugaa dubbachuuf hanga har'aatti kanan homaa jechuu dhiisuuf murteesse, maqaa isaatiin waantoti godhaman sirrii ta'aniif osoo hin taane, fedhiiwwan gochaawwan kana duuba jiran waanan dabalee hubadhuufidha. Kana booda garuu ulfinaa fi eenyummaa isaa haala madaaluun ifaa fi bilisaan deebii kennuun barbaachisaa ta'eera.
Akkuma har'aa kana erga waraanni dhumee, goototni injifannoo boodaa osoo hin baay'atiin dursitee, qarree dhiirummaa bakka isaan hin geenye, fageessitee fannisuun kee nu baraare malee yeroon hamtuudha! Waan amma ta'aa jiru kana yoo ilaalu, gogaan qaama isaa kan isatti dhiphate manni haa lakkaa'u.
Waanti ta'us ta'ee; ajjeechaa isaan booda siidaan yaadannoo ni ijaarama jedhame sun waggootaan booda diraamaa itti fufaa ta'een daawwannaaf akka ta'utti banamee kan ture waggaaf ga'us, har'a akka haaraatti gaafa ifatti banaa taasifamu, kun kutaa diraamichaa kan biraa ta'uu isaa hubachuun salphaadha. Hunda caalaa ammoo nama siin dhabeef waanti hundi rakasa waan ta'eef, dhugumatti siin si beekee, si hubatee siidaa siif malu onnee isaa keessatti jiraachisee waa'ee haqaaf qofa guyyaa lakkaa'a.
"Dhimma Yerooti!" jechuun quuqqaa garaa isaa baaftee, dhimma irratti yeroon abbaa murtii ta'uu himeera. Jechoonni isaa hedduun dhoksaa jabaa kan of keessaa qaban yoo ta’u, Siisaay Hundeessaa waan inni dubbachuu barbaade ifaadha. Isin hoo maal jettu?
Click here to claim your Sponsored Listing.
