Seena kemal

Seena kemal

Share

Dubartii isii diin qabdu filadhu jedhan Rassuulli keenya Jaalatamaan S.A.W. Ammaas Amriin Shamarraniitiis, Amrii dhiiraa jala galti.

Jechuun koo Shamarraniis, Dhiira Diin qabu filachutti ajajamne.

03/06/2026

Yeroo Obsi Kee Dhumachuuf Jedhu, Wanta Yoomiyyuu Dagachuu Hin Qabne Shanan (5) Kanaa dubbisii mee✍️

​1. Callisii Qalbii Kee Dhaggeeffadhu
Yeroo obsi dhumu, dhiphinni fi yaaddoon ni baay'ata. Haala kanaan dubbachuu fi murtoo dabarsuu mannaa, yeroo muraasaaf callisi. Bakka dhuunfaa kee ta'i, ol jedhii afuura dheeraa baafadhu. Callisni yeroo dhiphinaa dandeettii obsa kee deebisee siif ijaara.

​2. Akka Nama Taate fi Humni Kee Daangaa Qabu Amani
Ati humna hundumaa dandeessu hin qabdu; nama waan taateef ni dadhabda, ni aarta, ni dhiphatta. ni dhukkubsata kanaf Miira kee kana dhoksuuf hin yaalin. Allaah duratti dhihaadhuu dadhabbi kee fi haala kee hundaa itti himadhu. Inni nama dadhabeef humna kenna.😒

​3. Wanta Amma Jijjiiruu Dandeessu Qofa Irratti Xiyyeeffadhu
Dhimmoota jireenya keessatti si mudatan keessaa garii isaanii jijjiiruu dandeessa, garii isaanii garuu humna keetii ol. Wanta humna keetiin ala ta'e dhiisii, dhimma amma harkaa qabdu gabaabsii ilaali. Jireenya addaan kuttanii guyyaa guyyaan, sa'aatii sa'aatiin dabarsanii tarkaanfachuun obsa siif kenna.

​4. Zikrii fi Du'aa'iitti jabaadhu
Qalbii namaa kan tasagabeessu zikrii Allaah ti. Yeroo obsi kee dhumu, arraba kee zikriidhaan jiisi. Keessattuu jechoota kanneen baay'isi:
​"Laa hawla walaa quwwata illaa billaa" (Humnaa fi dandeettiin Allaah malee hin jiru).

​"Yaa Hayyu yaa Qayyum bi rahmatiqa astagiis" (Yaa isa jiraataa ta'e, rahmata keetiin gargaarsa kee jala deema).

​5. "Kunis Ni Darba" Jedhii Ofitti Himadhu
Yoomiyyuu yaadadhu, addunyaa kana irratti gaddi ykn dhiphinni dhaabbataa ta'e hin jiru. Gaddi qormaataa dhufe kunis bor seenaa ta'ee ni darba. Obsi kee dhumachuun itti fufiinsa milkii keetii akka hin hanqisne, "Har'as ni darba" jedhii abdii kee eeggadhu.

​"Dhugumatti, rakkoo waliin laafinni jira."
β€” (Suuraa Al-Inshirah: 5)
​Obsa fixachuu jechuun mo'amuu jechuu miti; dadhabanii hafuura deeffachuu dha. Jabaadhu, ammas tarkaanfii kee hin dhaabin! yaa Rabbii Amarii jabaate nuf Laaffisii 🀲✨

31/05/2026

Dachii irraas boonaa hin deemin; dhugumatti ati dachii hin baqaqsitu, dheerinnaanis gaarota hin geessu."
β€” (Suuraa Al-Israa: 37)
​Of-gadi-qabuun (Tawaadu'a) jireenya miidhagsa. Namoota biroo gadi-xiqqeessanii ilaaluu dhiisuun, nagaa keessoo fi jaalala namoota biratti argamsiisa. Jireenya keessatti wanti qabnu hunduu kennaa Allaah biraa ta'uu isaa yaadannee, gad-jennee jiraachuu caalaa bareedni hin jiru.

​Amalli gaariin ija amantiitiinis sadarkaa guddaa qaba. Akkuma Ergamaan Allaah (ο·Ί) dubbatan:
"Mu'umintoota keessaa namni amantiin isaa caalaatti guutuu ta'e, nama amala isaatiin caalaa gaarii ta'e dha."

wanti ​Nuuf kennamuu qabeenyaa, beekumsaa ykn bifa keenyatti boonnee namoota hin gaddisiisnu. Dhugumatti, namni Allaahf jedhee of gadi qabe, Allaahn sadarkaa isaa ol kaasa. Kaayyoon keenya addunyaa kana keessatti amala gaariin dhaloota gorfachuu fi jaalala facaasuu dha. ✨🀲yaa Rabbii Amala gaarii nuf kennii keessa keenyaa nu bareechii
γ‚šviralγ‚·fypγ‚·γ‚šviralγ‚·alγ‚·

29/05/2026

Daqiiqa 1 qofa fayyadami Nabi Mohammed ο·Ί irratti Salawata buusi S A W. πŸ–€

29/05/2026

27/05/2026

Eid Mubarak ❀️
Hawaasni kiyya kan biyya keessatii fi kan biyya Alaa Jirtan. Kan Dhiira Kan dhalaa Kan xiqqaa, Kan guddaa hundi keeysan
Baga geysan
πŸ‘‰E'iid Mubaarak warra baranaa kan bara hedduu Rabbin nuhaagodhu.

25/05/2026

πŸ’Ž Onnee Kee Eeggadhu: Qabeenya Kee Isa Gadi Fagoo❀

Onneen kee bakka jireenya keetiiti; ishee eeggachuun immoo furtuu gammachuu keetiiti.πŸ₯°

Iddoo Gatii Kee Hin Beeknetti Hin Facayin: Onneen kee qabeenya hunda caaludha. Nama gatii kee hin beekne biratti jaalala kee hin dhangalaasin. Bakka kabajaa hin qabnetti onnee kee hin gurgurin.✊

Balbala Kee Nama Hundaaf Hin Banin: Namni hundi iccitii kee beekuu hin qabu. Jireenya kee keessatti namni hundi iddoo qabaachuu danda’a, garuu onnee kee keessa lixuuf namoota muraasa qofaaf mirga kenni.

Of Jaallachuun Hundee Jaalalaati: Namoota biroof jaalala kennuun dura, ofii keetiif onnee guutuu qabaadhu. Namni of hin jaallanne, jaalala dhugaa namatti agarsiisuun isatti ulfaata.

Madaallii Kabajaa Eeggadhu: Namoota si kabajaniif kabajaa dabalataa kenni. Namoota gatii jireenya keetiif hin malleef garuu, onnee kee dhukkubsitee hin cinqamin.
Dhiifama Godhi, Garuu Of Maari: Onnee kee keessatti haaloo fi jibba hin kuusin, kun si qofa miidha. Dhiifama godhi, boqonnaa argadhu; garuu eenyuun akka amantu lammata hin dagatin.

πŸ“Œ Ergaa Gabaabaa:
"Onneen kee mana keeti; keessummaa hundaaf balbala hin banin. Warra kabajaa manichaa beekanii fi qulqullummaa kee hubataniif qofa banuun ogummaadha."

πŸ’Ž ልα‰₯αˆ…αŠ• ጠα‰₯ቅፑ αŒ₯αˆα‰… αˆ€α‰₯α‰΅αˆ…
ልα‰₯αˆ… α‹¨αˆ•α‹­α‹ˆα‰΅αˆ… αˆ˜αŠ–αˆ­α‹« αŠ“α‰΅α€ αŠ₯αˆ·αŠ• αˆ˜αŒ α‰ α‰… α‹°αŒαˆž α‹¨α‹°αˆ΅α‰³αˆ… α‰αˆα αŠα‹α’

ክα‰₯αˆ­αˆ…αŠ• α‰ αˆ›α‹«α‹α‰α‰΅ α‹˜αŠ•α‹΅ αŠ α‰΅α‰ α‰°αŠ•α‘ ልα‰₯αˆ… αŠ¨αˆαˆ‰ α‰ αˆ‹α‹­ α‹¨αˆ†αŠ αˆ€α‰₯α‰΅αˆ… αŠα‹α’ α‹‹αŒ‹αˆ…αŠ• α‰ αˆ›α‹«α‹α‰ αˆ°α‹Žα‰½ α‹˜αŠ•α‹΅ αα‰…αˆ­αˆ…αŠ• αŠ α‰³ααˆ΅αˆ΅α’ ክα‰₯ር α‰ αˆŒαˆˆα‰ α‰΅ ቦታ ልα‰₯αˆ…αŠ• αŠ α‰΅αˆ½αŒ₯ፒ
α‹°αŒ…αˆ…αŠ• αˆˆαˆαˆ‰αˆ αˆ°α‹ αŠ α‰΅αŠ­αˆα‰΅α‘ αˆαˆ‰αˆ αˆ°α‹ ሚሡαŒ₯αˆ­αˆ…αŠ• αˆŠα‹«α‹α‰… αŠ α‹­αŒˆα‰£αˆα’ α‰ αˆ…α‹­α‹ˆα‰΅αˆ… α‹αˆ΅αŒ₯ αˆαˆ‰αˆ αˆ°α‹ α‹¨α‹¨αˆ«αˆ± ቦታ αˆŠαŠ–αˆ¨α‹ α‹­α‰½αˆ‹αˆα€ ነገር αŒαŠ• α‹ˆα‹° ልα‰₯αˆ… αˆˆαˆ˜αŒα‰£α‰΅ αŒ₯ቂቡ αˆˆαˆ†αŠ‘ αˆ°α‹Žα‰½ α‰₯ቻ መα‰₯ቡ ሡαŒ₯ፒ

αˆ«αˆ΅αŠ• αˆ˜α‹α‹°α‹΅ α‹¨αα‰…αˆ­ αˆ˜αˆ αˆ¨α‰΅ αŠα‹α‘ αˆˆαˆŒαˆŽα‰½ αˆ°α‹Žα‰½ αα‰…αˆ­αŠ• αŠ¨αˆ˜αˆ΅αŒ α‰΅αˆ… α‰ αŠα‰΅α£ αˆˆαˆ«αˆ΅αˆ… αˆ™αˆ‰ ልα‰₯ α‹­αŠ‘αˆ­αˆ…α’ αˆ«αˆ±αŠ• α‹¨αˆ›α‹­α‹ˆα‹΅ αˆ°α‹α£ αŠ₯α‹αŠα‰°αŠ› αα‰…αˆ­αŠ• αˆˆαˆŒαˆŽα‰½ αˆ›αˆ³α‹¨α‰΅ α‹­αŠ¨α‰₯α‹°α‹‹αˆα’

α‹¨αŠ­α‰₯αˆ­αŠ• αˆšα‹›αŠ• ጠα‰₯ቅፑ αˆˆαˆšα‹«αŠ¨α‰₯αˆ©αˆ… αˆ°α‹Žα‰½ α‰°αŒ¨αˆ›αˆͺ ክα‰₯ር ሡαŒ₯ፒ αˆˆαˆ…α‹­α‹ˆα‰΅αˆ… α‹‹αŒ‹ αˆˆαˆ›α‹­αˆ˜αŒ₯αŠ‘ αˆ°α‹Žα‰½ αŒαŠ• ልα‰₯αˆ…αŠ• αŠ α‰αˆ΅αˆˆαˆ… αŠ α‰΅αŒ¨αŠα‰…α’
α‹­α‰…αˆ­ α‰ αˆα£ αŒαŠ• αˆ«αˆ΅αˆ…αŠ• ጠα‰₯ቅፑ α‰ αˆα‰₯αˆ… α‹αˆ΅αŒ₯ α‰‚αˆ αŠ₯αŠ“ αŒ₯αˆ‹α‰»αŠ• αŠ α‰³α‰αˆ­α£ α‹­αˆ… αŠ αŠ•α‰°αŠ• α‰₯ቻ α‹­αŒŽα‹³αˆα’ α‹­α‰…αˆ­ α‰ αˆα£ αŠ₯αˆ¨αα‰΅ አግኝፀ ነገር αŒαŠ• αˆ›αŠ•αŠ• αˆ›αˆ˜αŠ• αŠ₯αŠ•α‹³αˆˆα‰₯αˆ… α‹³αŒαˆ˜αŠ› αŠ α‰΅α‹˜αŠ•αŒ‹α’

πŸ“Œ አጭር αˆ˜αˆα‹•αŠ­α‰΅α¦
"ልα‰₯αˆ… α‰€α‰΅αˆ… αŠα‹α€ αˆˆαˆαˆ‰αˆ αŠ₯αŠ•αŒα‹³ α‹°αŒ…αˆ…αŠ• αŠ α‰΅αŠ­αˆα‰΅α’ α‹¨α‰€α‰±αŠ• ክα‰₯ር αˆˆαˆšα‹«α‹α‰ αŠ₯αŠ“ αŠ•α…αˆ…αŠ“αˆ…αŠ• αˆˆαˆšαˆ¨α‹± α‰₯ቻ αˆ˜αŠ­αˆα‰΅ α‰₯αˆαˆ…αŠα‰΅ αŠα‹β€οΈ
Urji Sheikh Adnan page ❀️

23/05/2026

Hojjattee Milkaahuu Barbaaddaa?❀️
βœ…βœ…βœ…βœ…βœ…βœ…βœ…βœ…βœ…βœ…βœ…βœ…βœ…

Dura mikaa'inni maali? Asirraa haa jalqabnuu.

β€ŽπŸŒΈ Milkiin Dhugaadha Qabeenya Guddaa Ykn Beekkamti Qabaachuu Mitii…
β€ŽπŸ€ Milkiin dhugaadha qalbii qulqulluudhaan akkasuma dalagaa gaariidhaan Rabbi qunnamuudha.
β€Ž
β€ŽNamoota hedduutu:
β€ŽπŸ’° qabeenyaaf fiigu
β€ŽπŸ“Έ beekkamtiif dadhabu
β€ŽπŸŒ addunyaa tana keessatti Aangoo barbaaduuf dhama'u
β€Ž
β€ŽGaruu Irra hedduun isaanii…
β€ŽπŸ˜’ qalbiin isaanii boqonnaa hin qabduu bar.
β€Ž
β€ŽNama meeqaatu jira:
β€ŽπŸ˜Š fuula isaa yoo laaltu ni kolfaa. garuu
β€ŽπŸ’” qalbiin isaa immoo ni gubataa.
β€Ž
β€ŽSababni isaa:
β€ŽπŸ€ qalbii namaa kan boqochiisu qabeenya miti… Rabbiitti dhiyaachuudha malee. πŸŒ™
β€Ž
β€ŽπŸ“– Rabbiin ol tahe akkana jedha:
β€Ž
β€Žο΄ΏΨ£ΩŽΩ„ΩŽΨ§ بِذِكْرِ Ψ§Ω„Ω„Ω‘ΩŽΩ‡Ω ΨͺΩŽΨ·Ω’Ω…ΩŽΨ¦ΩΩ†Ω‘Ω Ψ§Ω„Ω’Ω‚ΩΩ„ΩΩˆΨ¨Ωο΄Ύ 🀍
β€Ž
β€Žβ€œDhugumatti zikrii Rabbiitiin qalbiin boqotti.” jedha. Ee wlh Jechi Rabbii keenyaa dhugaadhaa bar.
β€Ž
β€ŽMee yaaddee Beeytaa?… 😒 Guyyaan tokko ni dhufaa: kani
πŸ’° qabeenyi kee si hin fayyanne
β€ŽπŸ‘₯ namni si jaalatu si hin fayyanne
β€ŽπŸ“Έ beekkamtiin kee si hin fayyanne
β€Ž
Guyyaa sana guyyaadha 🀍 qalbii qulqulluu fi dalagaa gaarii malee, si hin fayyanne.

β€ŽπŸ“– Bar Rabbiin akkana nuun jedhaa:
β€Ž
β€Žο΄ΏΨ₯ΩΩ„Ω‘ΩŽΨ§ Ω…ΩŽΩ†Ω’ أَΨͺΩŽΩ‰ Ψ§Ω„Ω„Ω‘ΩŽΩ‡ΩŽ Ψ¨ΩΩ‚ΩŽΩ„Ω’Ψ¨Ω Ψ³ΩŽΩ„ΩΩŠΩ…Ωο΄Ύ 🌸
β€Ž
β€Žβ€œNama qalbii qulqulluu qabatee Rabbiin dhufe malee.β€πŸ“–

β€Ž~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
β€Ž
β€ŽπŸŒ™ Hasan Al-Basrii Ψ±Ψ­Ω…Ω‡ Ψ§Ω„Ω„Ω‡ kan akkana jedhu ture:
β€Ž
β€ŽπŸ€ β€œNamni Rabbiin beeke ni jaalata, namni addunyaa beeke irraa ni fagaata.”
β€Ž
β€ŽNama Meeqatu jira : yooniif laalte
β€ŽπŸ  mana guddaa qaba
β€ŽπŸš˜ konkolaataa gaarii qaba
β€ŽπŸ“± namni hedduun isa beeka
β€Ž
β€ŽGaruu bar:
β€ŽπŸ˜” salaata keessatti laafaadhaa
β€ŽπŸ˜” Qur’aana irraa ni fagaata
β€ŽπŸ˜” qalbiin isaa dukkanooftuudha wlh. Ahh
β€Ž
β€ŽDuuba kanaatu milkaa'inaa? Lakkii wlh Kuni milkaa’ina miti. πŸ’”
β€Ž
β€ŽMilkiin dhugaa jechuun:
β€ŽπŸ€² salaata irratti jabaachuudha
β€ŽπŸ“– Qur’aana wajjiin jiraachuudha
β€ŽπŸŒΈ Rabbiin sodaatanii jiraachuudha
β€ŽπŸ€ dalagaa gaariidhaan Rabbi qunnamuudha wlh.
β€ŽYaa Rabbi 🀲
β€ŽQalbii qulqulluu nuuf kenni.
β€ŽIimaana irratti nu jabeessi.
β€ŽMilkii dhugaa San nu badhaasi

22/05/2026

β€ŽπŸŒΈ ? 🀍
β€ŽKutaa 1ffaa Hadiisarraa
β€Žβœ…βœ…βœ…βœ…βœ…βœ…βœ…βœ…βœ…
β€ŽMata duree kana Wantiin filadheef yeroo ammaa kana muslimoonni tokko tokko hubannoo dogoggoraa qabatanii jiran waan taheefi fknf (Ahbaash). πŸ˜”
β€Ž
β€Ž
β€ŽGaafiin β€œRabbiin eeysa jira?” jettu tun gaafiidha Rasuulli Keenya Jaalatamaan ο·Ί yeroo jiranitti deebisaa isiidhaa deebisanii turaniidha. 🀍
β€Ž
β€ŽMee tokko tokkoon haa laalluu πŸ‘‡
β€Ž
πŸŒΉπŸŒΉβœ…
β€ŽGuyyaa tokko Jaariyeen takka gara Rasuulaa ο·Ί fidamte.
β€ŽErgamaan Rabbii ο·Ί isii gaafatan:
β€Ž
β€Žβ Ψ£ΩŠΩ† Ψ§Ω„Ω„Ω‡ΨŸ ❞
β€Žβ€œRabbiin eeysa jira?”
β€Ž
β€ŽIsiiniis:
β€ŽΩ‚Ψ§Ω„Ψͺ: β€œΩΩŠ Ψ§Ω„Ψ³Ω…Ψ§Ψ‘
β€Žβ€œSamiirra jira.” jettee deebifteef.
β€Ž
β€ŽRasuulli ο·Ί deebisanii:
β€Ž
β€Žβ Ψ£ΨΉΨͺΩ‚Ω‡Ψ§ فΨ₯Ω†Ω‡Ψ§ Ω…Ψ€Ω…Ω†Ψ© ❞ 🀍
β€Žβ€œIsii bilisa baasi, isiin mu’umintitii dha.” πŸ“– Sahih Muslim
β€Ž
β€ŽMee qalbiidhaan laali… 😒
β€ŽRasuulli ο·Ί deebii isii hin mormine.
β€Žβ€œLakkii dogoggorte” hin jenneen.

β€ŽInumaa: 🀍 β€œIsiin Mu’umintii dha” jechuun jecha isii mirkaneessan. 🌸
β€Ž
β€Ž"Ati hoo Kan arra Yoo si gaafatan Fi samaa'i jechuu qaanfattu?"
β€Ž
β€ŽπŸ“– HADIISARRAA
πŸŒ…πŸŒ…πŸŒ…πŸŒ…πŸŒ…πŸŒ…πŸŒ…πŸŒ…πŸŒ…
β€Ž
β€ŽRasuulli ο·Ί akkana jedhan:
β€Ž
β€Žβ Ψ§Ψ±Ψ­Ω…ΩˆΨ§ Ω…Ω† في Ψ§Ω„Ψ£Ψ±ΨΆ ΩŠΨ±Ψ­Ω…ΩƒΩ… Ω…Ω† في Ψ§Ω„Ψ³Ω…Ψ§Ψ‘ ❞
β€Ž
β€ŽπŸ€ β€œWarri lafarra jirtan waliif rahmata godhaa, inni samiirra jiru isiniif rahmata godha.” πŸŒ™
β€Ž
β€ŽπŸ“– Jami' at-Tirmidhi
β€Ž
β€ŽMee Eenyu inni samiirra jiru sun? Mee eenyutu samiirraa rahmata nuuf godha? 😒 🀍 Allaah qofa wlh.
β€Ž
β€ŽπŸ“– HADIISARRAA
🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹
β€Ž
β€ŽRasuulli ο·Ί akkana jedhan:
β€Ž
β€Žβ ΩŠΩ†Ψ²Ω„ Ψ±Ψ¨Ω†Ψ§ ΩƒΩ„ Ω„ΩŠΩ„Ψ© Ψ₯Ω„Ω‰ Ψ§Ω„Ψ³Ω…Ψ§Ψ‘ Ψ§Ω„Ψ―Ω†ΩŠΨ§ ❞
β€Ž
β€ŽπŸŒ™ β€œRabbiin keenya halkan hunda yeroo takka sadaffaan halkanii hafu gara samii addunyaa gadi bu’a…” 🀍
β€Ž
β€ŽπŸ“– Sahih al-Bukhari fi Sahih Muslim
β€Ž
β€ŽMee qalbiidhaan yaadi… 🌸
β€ŽInni gadi bu'u duuraan eessa tureeti? "Samii duniyaati ol tureeti khaa". 🀍
β€Ž
β€ŽπŸ“– HADIISARRAA
βœ…βœ…βœ…βœ…βœ…βœ…βœ…βœ…βœ…
β€Ž
β€ŽZaynab bint Jahsh رآي Ψ§Ω„Ω„Ω‡ ΨΉΩ†Ω‡Ψ§ akkana jette:
β€Ž
β€Žβ Ψ²ΩˆΨ¬ΩƒΩ† Ψ£Ω‡Ψ§Ω„ΩŠΩƒΩ†ΨŒ ΩˆΨ²ΩˆΨ¬Ω†ΩŠ Ψ§Ω„Ω„Ω‡ Ω…Ω† ΩΩˆΩ‚ Ψ³Ψ¨ΨΉ Ψ³Ω…Ψ§ΩˆΨ§Ψͺ ❞
β€Ž
β€ŽπŸ€ β€œ (Jaartiilee/niitiilee/Beerran Rassuula ο·Ί baantee) Isin maatiin keessan isin heerumsiise, an ammoo Rabbiitu samii torban gubbaatii na heerumsiise.” πŸŒ™
β€Ž
β€ŽπŸ“– Sahih al-Buk

21/05/2026

πŸ“–Jalali hunddi dhukuba qaba garu jalali qurana boqonna qaba⚘️πŸ₯°

Yaa Allah jaalala qur'aanaa nuuf kenni❀️
Seena kemal

23/07/2025

Hamtuun isin hin argin
Keyriin isin hin dabrin!

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Addis Ababa?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Website

Address

Harar
Addis Ababa