Remedan Hussein Adem
Fakkeessanii Ariifatanii Guddachuu irra Suuta Suutaan kufaa ka'aa Guddachuu wayya !
13/03/2026
Sheeka jabaafi Qaalii kana Namni hedduun dhalataa haragee seha garuu akkas miti!
isaan dhalataa Baaleeti!
01/03/2026
Wantoota Makkaan erga Seenee Daawwachu Rabbiin naaf Laaffise.
===
Masjida Haramaa.
Ka'baa kabajamtuu.
Eela Bishaan Zamzamaa keessaa bahu.
Maqaama Ibraahim.
Hajarulaswad.
Safaafi Marwaa.
Multazam
Masjidoota Seenaa qaban kan Naannawa Masjida Haramaatti dhiyaatan .
Masjida Jinnii (iddoo Jinnoonni Qur'aana Rasuularraa dhageeffatanii islaamummaatti seenan)
iddoo gaafas Rasuulli Itti Salaatanii qur'aana qar'an jinnoonni hedduun dhufani itti qur'aana Rasuularraa dhageeffatan.
Masjida Bey'aa bakka Jarri ansaaraa Rasuulaaf waadaa itti seenan.
Masjida Namiraa Masjida Rasuulli Gaafa hajjan Kuxbaa itti godhan
Masjda Raayaa-(Masjida Rasuulli gaafa Makkaa banan Alaabaa Ykn Raayaa isaanii dhaaban.
Masjida Hudeybiyyaa(bakka Rasuulli gaafa Umraaf madiinarraa dhufan qureshni Akka makkaan hin seenne itti dhoowwiteedha.)
masjida Shajaraa (Masjida mukaa).
masjida shajaraa jechuun masjida seenaadhaan hedduu beekamu sababbiin masjida shajaraa jedhamuuf Rasuula keenyattu achitti muka wahii waame mukicha deemaa itti dhufe kanaaf .
jabalu Annuur (Gaara yeroo duraatiif qur'aanni itti rasuularratti buufame)
Jabal Asowri (Gaara Rasuulli gaafa Hijraa deeman keessatti dhokatan )
jabalu Abu quweysi ((Gaara yeroo duraatiif makkaan keessa dhaabame , Gaara yeroo duraatiif Ardii irra dhaabame jedhama ).
Qabrii Kadiija Haadha Mana ergamaa Rabbii fa'a
akkasuma makkaan keessaa Naannoo Rasuulli keenya itti dhalate laalee hedduu takkan gammade ,
sababbiin isaa wanta dura kitaabarra dubbisu ijaan arguu kiyyaaf galatoomaa.
Galatoomaa Guyyaa gaarii Makkaan biyya dhaloota Nabii keenyaa irraa salaamtaan kabajaa isiniif ergeera!
yeroo Aabboo aadaam jiru ijaaramte.
irradeebiidhaan Zamana Nabiyyallaah ibraahim ijaaramte.
Osoo Rasuulli keenya hin ergamin dura Taabota
360 guutamte , Gosa qureesha jedhamtuun eegamufi kabajamuu turte.
erga Rasuulli keenya ergamee waggaa 21 booda Taabotaafi gabbartoota Taabotaa irraa bilsa baafamte.
Amma mitira 15 lafarraa olfagaatti.
balbala Takka qabdi.
Hajarulaswad (dhakaa gurraacha)
hajarulaswad roga ka'abaa irraa tahe roga baha ka'aba irratti mitira 1.5 lafarraa olfagaatee argamuudha.
ka'baa irra xawaafuun isarraa jalqabe isarratti dhuma.
Hajarul aswad gaafa ibraahimiifi ilmi Ismaa'il Ka'baa ajaja Rabbiitiin ka'baa ijaaran Ismaa'il Abbaa isaa ibraahimiin dhakaa ittiin ijaarru fidi jedhee gaafate!
achiboodarra Rabbiin dhakaa adii Jannata keessaa jibriiil akka itti fidu taasise.
dhakaan gurraachi kun gaafa jannarraa fidamu adiidha.
wanti inni fidamee ka'baa keessatti dabalameef akka namni Xawaafa godhu tokko Xawaafa isarraa jalqabuuf.
guyyaa qiyaamaa nama dhugumaan isarratti salaammateef Ragaa baha.
isa dhungachuun sunnaa Rasuulaati.
garuu hin kadhatamu, hin kajeelamu, hin gabbaramu rabbii asitti.
wantummaan tokko dhakaa kanarraa hin barbaadamu.
qabxii ijoo dhakaa gurraachaa ykn Hajaralaswad.
=====
Hajaral aswad Hijraa irraa waggaa 317tti makkaan irraa hatame biyya biraa geeffame.
garee Ismaa'iliyyootaa kan Nama Maqaan isaa Hamdaan bin qarmaxiin hundeeffametu dhakaa kana makkaan irraa hate.
Hijraa irraa waggaa 317tti Baatii hajjii keessa gaafa guyyaa 8ffaa gareen kun makkaan seenuudhaan Namoota hajjiif dhufan kuma hedduu ajjeessuun Reeffa isaanii hedduu Eela Zamaatti gadi haree dhiiga laga yaase .
gareen kun Abu Xaahir Nama jedhamuun hoogganaa ture guyyaa sanitti gareen kun Namoota hedduu akka ajjeefaman taasise.
erga namoota hedduu ajjeessee Hajarulaswad Ka'baa irrraa fuudhuun gara biyya ifiitti geessuudhaan waggaa 20 oliif biyya isaanii keessa ture.
erga dhakaan kun fuudhame waggaa digdamaaf ummanni islaamaa akkanumaan ka'ba
02/02/2026
irra caaltuun jiruu jiraatamuu
jireenyaa Maatii ofii wajjiin fuulafi fuulatti wal argaa walbooharaa waliin jiraataniidha.
Oolmaa Guyyaa Har'aatiin Maatii koo wajjiin oolmaa qaalii dabarseera.
Naaf jiraadhaa Maatii koo.
koo dhangaalee fi Maatii koo Suuraadhaan.
20/01/2026
Kitaaba koo kan Baatii Muraasa dura eebbifne
kunoo amma akkuma gartan gara afaan Amaariffaatti deeffamee xumuree gadi bahee jira .
obboleewwan keessan afaan amaariffaa dubbataniif shere godhaa!
ከጥቂት ወራት በፊት መጽሐፌን አስመርቄያለሁ እነሆ አሁን እንደምታዩት ወደ አማርኛ ተቶርግሞ አልቀዋል አልሀምድሊላህ
አማርኛ ተናጋሪ ለሆኑ ጓደኞቻችሁ ሼር አድርጉላቸው::
19/01/2026
jaba nama
30/11/2025
Dr Yuusuf Nuuree Dammaa wajjiin Oolmaa Guyyaa Har'aa.
Biyyaa ingliiz irraa akka dhufaniin walgarre Alhamdulillaa.
Maqaa Rabbiifi qoodama isaa
=====
Maqaan Rabbii ykn Asmaa'ullaah kan jennu maqaa Rabbiin ittiin waamamuudha.
Maqaan Rabbii ykn Asmaa'ullaah akka armaan gadii kanatti ibsama.
○Maqaan Rabbii Towqiifa ,Towqiifa jechuun Maqaan Rabbiin ittiin waamamu kan Qur'aanaafi hadiisa qofaan Dhufe jechuudha.
○Maqaan Rabbii Hiika isaa, Dalagaa Rabbiifi sifaata Rabbii irra ka'uudhaan Sadiitti qoodama.
°Asmaa'ullaahizzaati kana jechuun maqaalee Rabbii keessaa kan zaata Rabbii irratti qajeelchan jechuudha.
°Asmaa'u Assifaati kana jechuun maqaalee Rabbii keessaa kan Sifa Rabbii irratti qajeelchan.
°Asmaa'ul afa'aali kana jechuun Maqaa Rabbii keessaa kan dalagaalee Rabbiin dalagu irratti qajeelchaniidha.
○Arkaana Asmaa'illaah ykn Maqoolee Rabbii meeqa?
======
DEEBII SADII.
°Maqaa Rabbiin qabu hunda dhugoomsuu.
°Hiika maqaan Rabbii qabu hundaa dhugoomsuu.
°Sifaata maqaan Rabbii irratti qajeelchu hundaa dhugoomsuu.
Hubadha.
=====
°Maqaa Rabbiin ittiin ofwaame male kan biro Rabbiif kennuun dhoorgaadha.
°Sifa Rabbiin ittiin ofwaame male kan biro rabbiin himuun dhoorgaadha.
°Maqaan Rabbii Towqiifa
°maqaa Rabbii itti dabaluufi irraa hir'isuun dhoorgaadha.
°dhugaan ilmoo Rabbii jechuun dhoorgaadha.
Qormaara Towhiidaa irratti Sirreeffama deebii keessa jiruuf liinkii kana fayyadama sirreeffadhaa.
warri deebiin tokkoffaan isin dhibe
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
Akaki Beseka
