Murad abbas re

Murad abbas re

Share

Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Murad abbas re, Health/Beauty, Harargee biyyaa jalallaa, Akaki Beseka.

09/05/2026

dhaddacha ijibbaataa jildii 24ffaa👇👇👇🤔💁
==============================

⚖️ Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakkoofsa Galmee 210020 ta'e dhaddacha gaafa guyyaa 08/03/2014 ooleen
✏️''Namni tokko fuula isaa irra booksiidhaan dhawamee ilkeen isaa muraasni isii sossootee garuu ilkeeleen socho'an kunneen hangi tokko jidduma galeessaan sosso'uu fi san keessaa takka akka malee sossoote deebitee fayyuufii akkasumaas sibiila ilkeetiin illee hidhamtee fayyuu akka hin dandeenyee fi dirqama buqqa'uu akka qabdu xalayaa yoo yaala yoo mirkaneesse himatamaan yakka miidhaa qaamaa cimaatiin seera yakkaa kew.555(B) jalatti itti gaafatamuu qaba jechuun murtee dirqisiisaa kennee jira.
Murtii kana murtii kanaan dura 24ffaa Lakk.Galmee 168166 ta'een "namni
tokko yakka miidhaa qaamaa cimaa geessiseera jedhamee himatame gochicha raawwachuuf meeshaan fayyadame kan hin jirre ta'uu ragaan kan mirkanaa'e yoo ta'e,itti yaadee miidhaa kan qaqqabsiise yoo ta'es miidhaan kan geessise boksiidhaan,fi teestaan ta'uu fi miidhaa cimaa itti yaadee raawwachuu kan hin mirkanoofne yoo ta'e,seera yakkaa kew. 555 jalatti tumameen ala seera yakkaa keewwata 556(1) jalatti balleessaadha jedhamee adabamuu qaba,namni tokko itti yaadee miidhaa qaamaa cimaa qaqqabsiisuu Abbaan Alangaa ragaa isaatiin hubachiisuuf(mirkaneessuuf) dirqama qaba"jechuun seera yakkaa kew. 23(2),111,112,555 fi 556(1) wal qabsiisuun Murtii laatee tureen walbira qabnee yeroo ilaallu ilkeen yoo bu'e miidhaa qaamaa cimaadhaan akka himatamuu ibsaa jira.

MIRGA KEE BEEKI DIRQAMA KEE BAHI NAGAYA QABAADHUUN DHAAMSA KIYYA

"SANTU SEERA "

02/05/2026

A/Alangaa himatamaa kewt, 556(2-A) jalatti himate. Ragoonni A/A himatamaan yakka faallaa s/y kewt, 556 (1) bira darbuun raawwachuu isaa waan mirkaneesssniif ,manni murtii,,himannaa A/A bu'uura sdfy kewt,113(2)tiin gara 556(1) tibjijjiruun himatamaa kewt. 556(2) jalatti of-irraa ittisi jedhe. Ragoonni ittisaa himatamaa immoo himatamaan yakka faallaa s/y kewt, 556(1) osoo hin taane kewt, 560 bira darbuun raawwachuu Isa mirkanneessan.
Gaaffii kiyya.Osoo ati abbaa seeraa taate keewwaticha ammas jijjiruun himatamaa kewt.560 jalatti balleessaa qabda jeta moo? Bilisaan gaggeessita?

01/05/2026

Falmiin lafa baadiyyaa(kanneen labsii lakk.248/2015 keewwata 33(1(a-c) jalatti tarreeffaman) adeemsi isaa bulchiinsa gandaa irraa eegaluu kan qabu ta’uu ilaalchisee,Manni Murtii Waliigala Oromiyaa Dhaddachi Ijibbaataa murtii hin maxxanfamne galmee lakk. 471276 ta’e irratti dhaddacha gaafa 27/01/2018 ooleen kenneen xiinxala isaa keessatti kan armaan gadii kaa’ee jira.

“Falmiin lafa baadiyyaa(kanneen labsii lakk.248/2015 keewwata 33(1(a-c)) jalatti tarreeffaman),adeemsi
isaa bulchinsa gandaa irraa eegaluun kan irra jiraatu ta’uu fi adeemsa labsicha jalatti diriiree jiru hordofee mana murtii Aanatti kan dhiyaatu ta’uu Labsii Bu/I/Fayyadama Lafa Baadiyaa Oromi Oromiyaa Lakk. 248/2015 kwt. 33(1)(c)), kwt.33 (2(a-i)), fi Kwt. 33(3-9)) jalatti tarreeffamaan tumee jira.Dhimmi adeemsa labsicha jalatti direere jiru osoo hin hordofne kallattiidhaan mana murtitti dhiyaatu ammoo,manneen murtii dhimmicha laalaan, dhimma adeemsa isaa eegee dhiyaatee jiru miti jechuun murteessuu kan isaan dandeessisu ta’uu tumaawwan labsicha kwt. 33 fi SDHH. Kwt. 244(2) fi kwt. 245(1)
jalaa kan hubatamudha. Asiin duratti dhimma kana irratti dhaddacha Ijibbataa Mana Murtii Waliigalaa Federalaatiin lakk. galmee (169648-Jildii 24ffaa) irratti, adeemsa dirqisiisaa miti jechuun hiikkoon seeraa dirqisiisaan kennameeru, Labsii duraanii, labsii Bu/I/F/Lafa Baadiyaa Oromiyaa Lakk. 130/1999 kwt. 16 hordofee kan kennameeru ta’us Labsiin haaroftu, labsii Lakk.248/2015 kwt. 58(7) jalatti Seerotni, murtiiwwan hiikkoo seeraa dirqisiisaan labsicha waliin hin deemne kamuu raawwatinsa kan hin qabne ta’uu kan tumedha.
Dabalataan ammoo dhaddachi Ijibbataa Mana Murtii Waliigalaa Federalaa Lakk. galmee 218918 ta’e irratti murtii dhaddacha gaafa 29/09/2014 ooleen kenneen- Seerri inni tokko isa tokkoon yerootti bakka bu’e, qabiyyeen keewwata seeraa hiikkoon Seeraa dirqisisaan itti kenname kan hin jijjiiramne yoo ta’e, hiikkoon Seeraa dirqisisaa kenameeru cimee hojii irra kan oolu ta’uu fi Qabiyyeen Seeraa kan booda is isa
duraa yoo jijjiireera ta’e ammoo- hiikkoon Seeraa duraan kennameeru, raawwatinsa kan hin qabne ta’uu isaa hiikkoo kan itti kennedha…”

24/04/2026

የፍትሐብሔር ክስን ስለመተውና ስለማንሳት (Withdrawal of Suit)
የፍትሐብሔር ሥነ-ስርዓት ህጉ አንዱ ዓላማ ተከራካሪዎች በተደጋጋሚ ክስ በማቅረብ የፍርድ ቤቱን ጊዜ እንዳያባክኑ እና ተከሳሹንም እንዳያንገላቱ ማድረግ ነው።
በሰበር ሰሚ ችሎት መ/ቁ 202737 በተሰጠው ትርጉም መሰረት፡-
📌 መርህ፡
ከሳሽ የጀመረውን ክስ መተው ይችላል። ነገር ግን ክሱን ትቶት ከሄደ በኋላ እንደገና ፋይሉን ለማንቀሳቀስ (አዲስ ክስ ለማቅረብ) ቅድመ ሁኔታዎች አሉት።
📌 ቅድመ ሁኔታው (Art. 278 vs 289)፡
አንድ ከሳሽ ክሱን ሲያቋርጥ ወደፊት "አዲስ ክስ ለማቅረብ" የሚችለው፡-
በክሱ አቀራረብ ላይ ጉድለት (Formal defect) ካለ ወይም ሌላ በቂ ምክንያት ሲኖር፤ እና
ይህንን ምክንያት ለፍርድ ቤቱ አቅርቦ "መብቴ ይጠበቅልኝ" በማለት የፍርድ ቤቱን ፈቃድ ሲያገኝ ብቻ ነው።
ማሳሰቢያ
#ይህንን የፍርድ ቤት ፈቃድ ሳያገኝ ክሱን ያነሳ/የተወ ከሳሽ፣ በዛው ጉዳይ ላይ ድጋሚ ክስ ማቅረብ አይችልም

24/04/2026

Dhimma tokko irratti murtiin walfaallessu lama yoo kennamee argame akkamitti raawwatama?
====================================
SDFHH kwt 11 fi Murtii Dh Ijb MMWF glme Lkk 221472 (Jld 28) irratti kenname.
==================================
Murtii dhimma tokko irratti kenname irraa komiin MM Ol’iyyannoo dhagahutti ykn Dh Ijbt galmee adda addaa irratti yoo dhiyaate dhimmicha irratti murtiin walfaallessu akka hinkennamnee fi raawwii irrattis rakkoo akka hinuumne galmeewwan lamaan bakka tokkotti walitti makuun murtaa’uu akka qabu SDFHH kwt 5 jalatti tumamee argama.
Haata’u malee yeroo tokko tokko otuu hinbeekin yon gareewwan falmiitis otuu MMtti hinbeeksisin dhimma tokko irratti komiin galmee adda addaa irratti dhaddachuma tokkotti ykn garaagaraatti dhiyaatuun murtiin adda addaa yeroo kenname nimudata. Fkn komiin inni tokko hindhiyeessu jedhamee inni galmee biroo irratti dhiyaate nidhiyeessisa jedhamee murtiin jalaa diigamuu danda’a( NB ijoo komii tokko ykn walfakkaatu irratti ) ykn komiin lamaanuu dhiyeessifamee garuu dhumarra galmee isa tokko irratti murtiin jalaa cimuun isa tokko irratti diigamuu ykn fooyya’uu danda’a.
Yeroo akkasii maal ta’uu qaba kan jedhu Seera Deemsa keessatti wanti ifaan tumame waan hinjirreef Ol’iyyannoo sadarkaa itti aanuun yoo sirraa’e malee fala biraa hinqabu , raawwatamuus hindanda’u. Kun immoo mirga gareewwan falmii fi qajeeltoo walqixxummaa cabsuu irra darbee tilmaamamummaa fi iftoomina hojii MM Irrattis dhiibbaa akka qabaatu ifadha.
Kanaan walqabatee Dh Ijbt MMWF Jld 28ffaa galmee Lkk 221472 ta’erratti murtii gaafa 30/03/2014 kenneen yeroo dhimma tokko irratti MM ol’iyyannoon murtiin adda addaa kenname( inni tokko cimee galmee biroo irratti immoo diigame) murtiin inni iyyattoota ykn komattoota fayyadu mirkanaa’uun sirraa’uu akka qabu hiikkoo seeraa kennee jira. By Jemal Kumbi

Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dirqisiisaa dhaddacha gaafa 11/04/2011 ooleen Lakk.Ga.158462 (Jildii 28ffaa) irratti kaase keessatti:

👉Guyyaa deebii barreeffamaa eeguuf beellamametti sababa himatamaan hafeef mirgi deebii kennuu isaa akkaataa sdfs kwt 199tiin erga bira darbamee booda, osoo ajajni kun hin ka'in mormii darbiinsa yeroo himatamaan guyyaa dhagaha duraa kaasu fudhatanii keessummeessuun adeemsa hoggansa falmii seera deemsaa kan faallessuufi falmiiwwan walxaxaa kan taasisudha jedheera.

𝗨𝗥𝗧𝗜𝗜 𝐃𝐇/ 𝐈J𝗜𝐁𝐁𝐀𝐀𝐓𝐀𝐀 𝐇𝐀𝐀R𝐀𝐀
Firii dubbii himannaa keessatti hin ibsamne falmiis ta’ee komii keessatti kaasuus ta’ee ragaa irratti dhiyeessuun dogongora bu’uuraa ijoo seeraa fi qajeeltoo madaallii ragaati jechuun

𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐢 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐌𝐚𝐧𝐚 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝑾𝒂𝒍𝒊𝒊𝒈𝒂𝒍𝒂𝒂 𝐅𝐞𝐝𝐞𝐫𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐋𝐚𝐤𝐤. 𝐆𝐚𝐥𝐦𝐞𝐞 251700 𝗶𝗿𝗿𝗮𝘁𝘁𝗶 Murtii kenne

24/04/2026

DhIjMMWF LGMM 208397

DhIjMMWF Murtii dhaddacha gaafa guyyaa 30/08/2014 LGMM 208397 ta'e irratti kennee..
"Ajajni dhorkii kennamee akka ka'uuf yoo gaafatamee yoo kufaa ta'e ajaja kennamerraa ol'iyyatamuu ni danda'a. Dhimmi haadhoon Murtii dhumaa akka argatu osoo hin eegin ol'iyyatamuu ni danda'a" jechuun murteessee jira

24/04/2026

Falmii qabiyyee lafa magaalaas ta'e lafa baadiyyaa daangaa darbame lafati kiyya qabame jechuun hanga ykn bal’ina lafaa daangaan darbame jedhame ibsuun yeroo himatani Mana Murtii dhiyaatu bal’iina lafa ragaa fi ogeessaan qulqulla'ee dhiyaatu bal’ina lafaa himata keessatti ibsame dhiyaate kan caaluu yoo ta'e Manneen Murtii dirqama hanga himata keessatti gaaftamme qofa murteessuu akka qaban Jildii 28 ffaa LGMM 165593 S/D/F/H/H kwt 182(1) fi 224(1) bu’uura godhachuun murtii dirqisisaa

23/04/2026

I'm in the top 14% of Murad Abbas Reshid fans. I earned 100 points on their weekly engagement list last week.

13/04/2026

Fudhatamummaa fi Ragaa Ogeessaa Ilaalchisee Dhaddachi Ijibbaataa Hiikkoowwan Seeraa yeroo gargaraatti kennee jira. isan keessaa muraasa yoo laallu, Dhaddachi Ijibbaataa MMWF Lakk.Ga.47960 (Jildii 12) ta'e irratti: Yaadni ogummaa nama beekumsaafi gahumsa addaa qabuun kenname fashalaa'uu kan danda'u yaada namni dhimmicha irratti beekumsaafi gahumsa fooyya'aa ta'e qabu kennuunidha jechun murtesse jira. gama biraatiin Dhaddachi Ijibbaataa MMWF Lakk.Ga.43453fi 14981 (Jildii 12) ta'e irratti: Ragaan ogeessaa ragaa amantaa guutuun irratti gatamu akka hin taane, ragoolee biroo waliin ilaalamuu akka qabuufi gahumsifi amansiisummaan isaa madaalamuu akka qabu murteesseera.

Itti dabaluun Dhaddachi Ijibbaataa MMWF Lakk.Ga.115963 (Jildii 16ffaa) irratti: Qabiyyee faallaan osoo hin dhiyaatin yaada ogummaa kenname ulaagaafi sababa ifa ta'een ala kufaa gochuun sirrii miti jechun kan murtesse yammuu tahu Dhaddachi Ijibbaataa MMWF Lakk.Ga.128746 (Jildii 22ffaa) irratti: Manneen murtii gabaasa odiitii iftoomina hin qabne ilaalchisee qabiyyee yaada gabaasichaa hubachuuf ogeessota herregaa gabaasicha qopheessan waamee akka ibsan osoo hin taasisin haala ofiif itti hubataniin hiikanii murtii kennuun adeemsa sirrii miti jechun murtii kennee jira . Itti dabaluun Dhaddachi Ijibbaataa MMWF Lakk.Ga.175142 (Jildii 24ffaa) irratti: Ragaan ogeessaa tokko wayita dhiyaatu adda dureedhaan kan qoratamu bilisa ta'uu ogeessichaafi dandeettii inni ogummicha irratti qabu yemmuu ta'u, ulaagaalee lamaan guuteera taanaan ragichi firiin dubbii jiraachuu ykn jiraachuu dhabuu mirkaneessuuf ragaa tilmaamni ol'aanaan kennamuuf (high probative value) waan ta'eef ragaa ogeessaa fudhachuu dhiisuun dogoggora qajeeltoo madaallii ragaati jechuun tume jira .

Attam Ooltan !

12/04/2026

Raawwachiisa Murtii qabiyyee lafaa wajjiin wal qabatee-Manni Murtii kan raawwachiisu kanuma daangaan isaa caqasamee murtiin irratti kenname ta’uu- Murtiin Abbaa Idaa, ‘bal’inni qabiyyee daangaa keessatti ibsamee jiru qabatamaan yoo safaramu hanga bal’ina murtii keessatti ibsamee oli waan ta’eef qabiyyee dhuunfaa kiyyaatu dabalataan raawwachiifame’ jechuu kan hin dandeenye ta’uu murtii kennamedha. Kabajamoo Ob. Mulugeetaatiin fuula tg isaaniirratti kan dhoobameedha.....

18/01/2025

(1112/2019) #
✔Namni kamiyyuu oomisha(nyaataa/dhugaatii fi qoricha) too'annoo taasifamu sadarkaan isaa hin eegganne ykn oomisha saamsuu irratti hanqinni akka jiraatu gochuun(misbranding) yookiin fakkeessee hojjachuun kan oomishe,Biyya keessa kan galche,kan kuuse,waliigala kan qoode ykn oomisha tokko tokkoon kan gurgure,karaa kamiinuu ummataaf tajaajilaaf kan dhiheesse,akka raabsamu kan taasise yoo ta'e;hidhaa salphaa shan(5) hin caallee fi adabbii maallaqaa 200000(kuma dhibba lama) tiin adabama.Labsii 1112/2019 keewwata 67(1);
✔Hanqina/hir'ina sadarkaa Oomishaa irraa kan ka'een fayyaa namaa ykn lubbuu irratti miidhaa ol'aanaa kan hordofsiise yoo ta'e;namni kamiyyuu hidhaa cimaa (7) hin caalleen fi adabbii maallaqaa 500,000(kuma dhibba shan) hin caalleen ni adabama
✅Labsicha keewwata 67(1);
Sababa Qoricha/dawaa keewwata 67(1) jalatti ibsameetiin:
👉A.qaama namaa ykn fayyaa irratti miidhaa Kan geessise yoo ta'e;hidhaa cimaa torba(7) hanga kudha shan(15) gahuun fi adabbii maallaqaa qarshii 200,000-300,000 gahuun ni adabama,Labsii keewwata 67(2-A);

👉B.Lubbuu namaa irratti du'a kan hordofsiise yoo ta'e;hidhaa cimaa (7) hanga hidhaa cimaa (20) fi adabbii maallaqaa qarshii 300,000 hanga 400,000(kuma dhibba afur gahuun) adabsiisa,keewwata 67(2-b).
✔Yakka Labsii keewwata 67(1)(2) jalatti caqafaman dagannoodhaan kan raawwate yoo ta'e;hidhaa salphaa hanga 3 gahuun fi adabbii maallaqaa qarshii 50,000 gahuun adabsiisa,keewwata 67(3);
✔Waa'ee eeyyama daldalaa fi galmee seera biraatiin tumaman akkuma jirutti ta'ee,namni kamiyyuu bu'uura Labsii Bulchiinsa Nyaataa fi Qorichaa fi Dambii Labsicha raawwachiisuuf baheetiin galmee,eeyyama gabaa,waraqaa ragaa gahumsa mirkaneessaa ykn hayyama biroo osoo hin argatin,sanada sobaatiin tajaajiluun Oomisha too'annoon taasifamu kan Oomishe ykn gara Biyya keessa kan galche,kan kuuse,waliigala kan raabse/qoode

Want your business to be the top-listed Beauty Salon in Akaki Beseka?
Click here to claim your Sponsored Listing.

Category

Telephone

Website

Address

Harargee Biyyaa Jalallaa
Akaki Beseka