Buna Habuubbi
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Buna Habuubbi, Robe, Angetu.
27/04/2026
👉𝐁𝐞𝐞𝐤𝐢𝐬𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐐𝐚𝐜𝐚𝐫𝐫𝐢𝐢✍️✍️✍️
Miseensota Haaraa Hawaasa Keessaa Filatee Marsaa Qacaruu Barbaada.
1.Heeraa fi Seera Biyyattiitti Kan Amanu/tu
2.Araada Adda Addaa Irraa Bilisa Kan Ta'e/te
3.Ganda keessa jiraatu irraa Waraqaa deeggarsaa fi Waraqaa Eenyummaa dhiyeeffachuu kana danda'u /ttu
4.Wal-Qixxummaa Sabaaf-Sablammootaatti Kan Amanu/tu
5.Amala Gaarii Kan qabu/du
6.Qaama Hirdhuu kan hin taanee fi Fayyaa Guutu kan qabu/du
7.Umrii 18_25 Kan hin Caalle
8.Dhaaba Siyaasaa kamirraayyuu Bilisa kan ta'e/te
9.Sadrka Bar.Kutaa 10ffaa fi Isaa Ol kan qabu/du
10.Lammummaa Itiyoophiyaa kan ta'e/te fi afaan oromoo dubbachuu, dubbisuu fi barreessuu kan danda'u.
11.Leenjii Erga Xumure Waggaa 7/torbaa/Tajaajiluuf fedhii kan qabu/du ,Bakka Mootummaan Ramadetti Hojjachuuf Fedhii kan qabu/du
12.Yakka Kamirraayyuu Bilisa Kan Ta'ee fi Riikardii yakkaa kan hin qabne
13.Armaan Dura Dhaabbata Poolisii fi Raayya ittisa biyyaatti qacaramee kan hin beekne
14.Kan Hin fuune ykn kan hin Heerumne
15.Dheerina Dhiiraaf 1.65m Dubariif 1.55m kan ta'ee/te
16.Iddoon Galmee Waj/Poolisi/Aanaa/Magaalaa Isintti Dhiyoo jirutti galma'uu dandeessu
Carraa Gaarii
27/04/2026
Godina Baalee Aanaa Dalloo Mannaatti konfiransiin nageenyaa irratti xiyyeeffate hawaasa aanichaa, gandoota Magaala Mannaa fi Ganda Bobiyyaa waliin gaggeeffameera.
Konfiransii kana irratti I/A Waajjira Nageenyaa fi Milishaa Godina Baalee Obbo Tamaam Mammee, I/G Waajjira Bishaanii fi Inarjii Godina Baalee Obbo Addaamu Warquu, I/G Kutaa Olaanaa Ittisa Yakkaa Qajeelcha Poolisii Godina Baalee Kom Nuuraa Yaabaa, Bulchaa Bulchiinsaa Aanaa Dalloo Mannaa Obbo Umaar Muhammad, I/G Waajjira Paartii Badhaadhiinaa Aanaa Dalloo Mannaa Obbo Birhanuu Abarraa, Ajajaa Waajjira Poolisii Aanaa Dalloo Mannaa It/A/Insp Muktaar Amaanoo fi hoggantoonni sadarkaa Aanaa fi gandaa argamaniiru.
Mariin kun dhimmoota nageenyaa yeroo irratti bal’inaan mari’achuun rakkoolee mul’atan adda baasuu fi furmaata itti kennuuf kallattii kaa’amera. Hawaasnis nageenya ofii eegsisuu keessatti gahee isaa akka cimsatu, mootummaa waliin tumsuun hojjechuun barbaachisaa ta’uu irratti hubannoon kennameera.
Nageenyi bu’uura waan hundaati; kanaafuu hirmaannaa uummataa cimsuun itti fufiinsaan hojjechuun murteessaadha.
27/04/2026
27/04/2026
21/04/2026
Click here to claim your Sponsored Listing.
Website
Address
Angetu
