Fuad Jemal page

Fuad Jemal page

Share

Barris bara fakkataa nuuf darbaa jennettii!!! Bara tarree baraaf Tarres

Photos from Fuad Jemal page's post 01/10/2026

Ammee: Humnoonni TPLF fi Eertiraa Abalaa Gadhiisan; Magaalaa Maqaleetti Sochiin Hawaasaa Qabbanaa'uun Dhaga'ame

Humnoonni TPLF fi Eertiraa magaalaa Abalaa gadhiisanii ba'uun isaanii dhaga'ameera. Haaluma kanaan, har'a sa'aatii 5:00 irraa eegalee Raayyaan Ittisa Biyyaa, Humna Affaar fi Humni Nageenyaa Tigraay iddoowwan Iribtii fi Abalaa guutummaatti to'annoo jala oolchaniiru.

Maddeen keenya akka eeranitti, Raayyaan Ittisa Biyyaa fi Humni Nageenyaa Tigraay to'annoo kana booda qindoominaan gara magaalaa guddoo naannichaa, Maqaleetti socho'uu eegalaniiru.

Gama biraatiin, sochiin hawaasaa magaalaa Maqalee keessaa baay'ee qabbanaa'ee akka jiru gabaafameera. Uummanni magaalattii "Raayyaan Ittisa Biyyaa magaalattii seenaa jira" oduu jedhu hordofuun manneen ofii keessa akka jiran dhaga'ameera.

Odeeffannoo hatattamaaf karaa Teelegiraamaa nu hordofaa.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

MIIDIYAA ABDII SABAA
creators instead

01/10/2026

Oboleewwan koo Dubbisaa itti fayyadamaa.
___
Ragaa Qur'anni jecha Rabbii ta'uu isaa ibsu qur'aanuma keessaa👇
سورة البقرة 2:2

ذَٰلِكَ الْكِتَابُ لَا رَيْبَ ۛ فِيهِ ۛ هُدًى لِّلْمُتَّقِينَ
Kun kitaaba [Rabbiin biraa ta’uu isaa ilaalchisee] mamiin isa keessa hin jirreedha;warra Rabbiin sodaataniif qajeelfama

سورة السجدة 32:2

تَنزِيلُ الْكِتَابِ لَا رَيْبَ فِيهِ مِن رَّبِّ الْعَالَمِينَ

Buufamni kitaabichaa Rabbii aalamaa irraa ta'uun shakkiin isa keessa hinjiru

سورة الأ حقاف 46:2

تَنزِيلُ الْكِتَابِ مِنَ اللَّهِ الْعَزِيزِ الْحَكِيمِ

Bu’iinsi Qur’aanaa Rabbii injifataa, ogeeysa ta’e irraayi. %%

سورة الزمر 39:1

تَنزِيلُ الْكِتَابِ مِنَ اللَّهِ الْعَزِيزِ الْحَكِيمِ

Buufamuun kitaabichaa Rabbii injifataa, ogessa ta’e irraayi.

سورةالواقعة 56:80

تَنزِيلٌ مِّن رَّبِّ الْعَالَمِينَ

Gooftaa aalama hundaa irraa buufamaadha.

سورة الحاقة 69:43

تَنزِيلٌ مِّن رَّبِّ الْعَالَمِينَ

Gooftaa aalama hundaa irraa buufamaadha.

سورةطة. 20:4

تَنزِيلًا مِّمَّنْ خَلَقَ الْأَرْضَ وَالسَّمَاوَاتِ الْعُلَى

Isa dachiifi samii ol fuudhamoo uume irraa buufamaadha.

سورة الشعراء 26:192

وَإِنَّهُ لَتَنزِيلُ رَبِّ الْعَالَمِينَ

Dhugumatti, inni (Qur’aanni) buufamaa Gooftaa aalama hundaati

""""" Enyuttu isaan bu,e???

نَزَلَ بِهِ الرُّوحُ الْأَمِينُ

Ruuhii amanamaa ta’e (Jibriiltu) isaan bu’e

عَلَىٰ قَلْبِكَ لِتَكُونَ مِنَ الْمُنذِرِينَ

Akka ati akeekkachiiftota irraa taatuuf jecha onnee kee irratti [buuse].

"""""" Afaan kamiin bu,e??

بِلِسَانٍ عَرَبِيٍّ مُّبِينٍ

Qooqa Arabiffaa ifaa ta’een.

سورة الأعلي 87:6

سَنُقْرِئُكَ فَلَا تَنسَىٰ

Si qaraasisuuf jirraa hin dagattu

سورة القيامة 75:16

لَا تُحَرِّكْ بِهِ لِسَانَكَ لِتَعْجَلَ بِهِ

Isa (qabachuu)tti ariifachuuf jecha arraba kee isaan hin sochoosin

إِنَّ عَلَيْنَا جَمْعَهُ وَقُرْآنَهُ

Dhugumatti, isa (onnee kee keessatti) walitti qabuufi isa dubbisuun kee nurra jira.

فَإِذَا قَرَأْنَاهُ فَاتَّبِعْ قُرْآنَهُ
Yeroo Nuti isa qaraane qiraatii isaa hordofi

ثُمَّ إِنَّ عَلَيْنَا بَيَانَهُ

Ergasii is

Photos from Fuad Jemal page's post 01/10/2026

Humni Nageenyaa Tigraay Iddoowwan Hedduu To'achuu Beeksise; Hoggantoonni TPLF Gara Eertiraatti Baqachuun Dhaga'ame

Humni Nageenyaa Tigraay (Tigray Peace Force) ibsa haaraa baaseen, waraana guyyoota saddeet dura Fulbaana 12 eegaleen, har'a Fulbaana 20, bara 2019 haleellaa raawwatame qofaan iddoowwan hedduu humnoota TPLF irraa bilisa baasuu isaa ifoomseera. Iddoowwan to'ataman kunniinis: Magaalaa Maayicaaw, carcar, Makoonii, Xaa'idaa Mayidaa, Hadaa Algaa, Kikiftoo, Hugumbirdaa, Haashangee, Waarabaayyee, fi Maay Maa'idoo (guutummaatti) yoo ta'an, waraanni kun amma ammaattis itti fufaa akka jiru humnichi ibseera.

Haaluma wal qabateen, Raayyaan Ittisa Biyyaa naannoo Tigraay keessatti hojii seera kabachiisuu fi to'annoo isaa cimsatee itti fufuun, gara magaalaa guddoo naannichaa Maqaleetti imalaa yeroo jirutti, hoggantoonni TPLF biyya gadhiisanii ba'uun isaanii dhaga'ameera. Ragaaleen bahaa jiran akka agarsiisanitti, hoggantoonni kunneen kaleessa waaree booda gara magaalaa daangaa Eertiraa Sanaafeetti seenaniiru.

Torban darbe naannawa Raayyaa, Allaamaaxaa fi Saqoxaa keessatti sochiin waraanaa TPLF deebi'ee haareffamuu hordofuun Raayyaan Ittisa Biyyaa tarkaanfii waraanaa fudhachuu eegaleera.

Hoggantoonni garee kanaa sababa imala baqaa irra turaniif guyyootaaf odeeffannoo tokko osoo hin kennin callisanii turaniiru. Gareen kun yeroo jalqabaatiif kaleessa galgala ibsa baaseen “sirna karoora sanyii duguuggaa qabu waliin wal'aansoo gochuun of-ittisaa jirra" jechuun ibsus; qabatamaan lafarratti haalli jiru garuu faallaa kanaa ta'uu fi Raayyaan Ittisa Biyyaa yeroo gara Tigraay seenu hawaasa irraa simannaa ho'aan akka taasifameef gabaafameera.

Odeeffannoo hatattamaaf karaa Teelegiraamaa nu hordofaa.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF, MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

MIIDIYAA ABDII SABAA
Facebook for Creators

Photos from ABDII SABAA's post 01/10/2026

Category

Telephone

Address

Harar

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Fuad Jemal page posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Subscribe

We will notify you when anything happens in Harar.