Muniir Alii
Muniir Alii godina harargee bahaa Tuulaatti dhalatee guddate. Alhamdulillaah
30/03/2025
Iid Mubaarak warra baranaa kan bara hedduu nu haa taasisu.
07/03/2023
Alhamdulillaah soomana sunnaa kan ji'a sha'abaanaa nagayaan hundi xummuree guyyaan kanaan booda soomana dirqamaa ji'a Ramadaanaatiif nuuf hafu 15 ykn 14 Nagayaa fi Gammachuun ittiin nu haa gahu.
05/03/2023
Hojjechuun milkeessan malee faarsuun kan milkaa'uu danda'u soba dhugaa fakkaatu qofa.
03/03/2023
Rakkoo fi balloos sumaatu harkaa qaba yaa Rahmaan lammii koo beelaa fi dheebuun dararamaa jiran hunda . Beelaa fi dheebuu nuuf baasi. Booranaa Kan iddoo biraa Kan nuti hin beeyne maraahuu.
02/12/2022
Bismillaah .Maqaa Rabbii keenyaa Abbaa Rahmataa taheen jalqabna. Kaayyoo fi mul'ata kallattii hundaan qabnu nuuf haa milkeessu Rakkoon diin keenyatti dhuftuu fi jiruu keenyatti dhuftu hunda jalaa najaa nu haa baasu inni nu uumee nu jiraachise mootiin Addunyaa maraa.
21/11/2022
Yeroo beekkumsaa fi beekaa keenya deeggaruu qabnu, yeroo Pirizdaantii islaamaa cimaan Addunyaa kana hunda islaamummaan bulchuuf Aarsaa Guddaa kafalee ji'a tokkoofillee taatu jedhee . Nama Rabbiin Beekkumsaan ilma namaa hunda caalchisee beekaa sadarkaa 1ffaa taasisee jiru kan islaama keessaa nuuf taasisee Dr.Zaakir Na'ik. Mummee ministeeraa biyya Qataar sheek.Tamaam Taa'imiin sababaa inni islaamummaaf jecha Tapha kubbaa miilaa Addunyaa Qopheessitee Akkaataa Heera islaamummaatii fi Akkaataa biyya isaanii hin Faalleessineen akka gaggeeffamu murteessitee warra Lixaatiin Pirizdaantoonni Amantaa yaahudaa hordofan qeeqaa jiranitti nutiis qilleensuma gubbaan deeggarsa Qataarii fi Dr.Zaakir Na'ikiif qabnuuf agarsiisuufiin dirqama Amantaa keenyaatii waan taheef duula cimaa haa taasifnuu kallattuma miidiyaa hawaasaa kanaan Addunyaa hundi asumarra jirti waan taheef. FB, Twitter, YouTube , TikTok , whattsapp, Google hundaanuu tumsa haa taasifnuu. Akka dhuunfaatti silaan Qataariitti uumamee jedheen hawwe gammachuu keessa.
15/11/2022
Alhamdulillaah Fawuundeeshiniin baabaa keenyaa Sheeka Sheekkanii Pro.Sheek. Aadam Tuulaa hayyama seeraa guutuu akka Feedaraalaatti akkasumaas pirizdaantoonni mana maree dhimma islaamaa Haajjii Abraahimii fi Dr.Jeeylaan khadiir Fi Sheek.Amiin ibroo itti gaafatamaan dhimma da'awaa Feederaalaa. Shiek.Adem Tula Foundation Raggaasisanii jiru . Kun qabatamaan hojiirra oolmaa isaatti deemuu kan agarsiisuudha . Alhamdulillaah guyyaa muraasa keessatti pagen kun Followers fi likes fi shares 100,000 argatee kan jiruudha . Mashaa Allaah Maqaan sheeka keenyaa sadarkaa guddaa akkuma qabutti kabajaa isaa eeguun cimee kan itti-fufeedha Uummanni islaamaa fi Sabni keenyaa kan isa jaalattan hundinuu Baga gammaddan .
Click here to claim your Sponsored Listing.
