Gobu Dado Guyo
BSC nursing students
17/11/2023
20/10/2023
Common and non-specific symptoms of anaemia include:
๐ต tiredness
๐ต dizziness or feeling light-headed
๐ต cold hands and feet
๐ต headache
๐ต shortness of breath, especially upon exertion
11/11/2022
Fayyummaafi bareedinna
GOGAA keenyaaf:
****************************
Kunuunsi gogaa keenyaaf goonu dhukkuboota gogaa garagaraafi umrii wojji dafee dulloomuu gogaa irraa nu ittisa. Wontoota ykn kunuunsa armaan gadii kana gochuun fayyummaa gogaatiif barbaachisaadha:
---
โ Ifa ykn caarallaa aduu irraa of eeguu. Yeroo dheeraaf deddeebiin ifa aduutiif haalaa ol saaxilamuun akka gogaan caccaba (wrinkles) godhatu, akka dulloomu ykn mallattoo jaarummaa qabaatuufi carraa kaansarii gogaatiif saaxilamuu dabala. Kanaaf yoo aduu keessa deemnu ykn hojjannu dibata ittisa aduu (sunscreen sa'aa lama lamaan) dibachuu. Yeroo ifni aduu hammaatu (ganama sa'aa 4 hanga saafaya sa'aa 10) carrallaa ykn ifa aduu jiru irraa of qusadhaa.
---
โ Sigaaraa ykn Tamboo hin xuuxinaa.
Tamboo ykn sigaaraa xuuxuun gogaan keenna akka dulloomu taasisa, akkasumas cacabni gogaa (wrinkles) akka uumamu gumaacha. Tamboo xuuxuun ujummoo dhiigaa xixiqqoo gogaa alaa irra jiran dhiphisa, kunis hamma dhiigaa googaan argachuu qabu hirโisuun gogaan akka haphatu (ykn daalatu) taasisa. Akkasumas oksijiinii fi soorata fayyaa gogaatiif barbaachisoo taโan gogaa bira haala gahaa ta'een akka hin geenye godha.
Kana malees, tamboo xuuxuun carraa kaansarii gogaa (squamous cell carcinoma) jedhamuun qabamuu dabala. Kanaaf Tamboo/sigaaraa xuuxuu dhabuun fayyuummaa gogaafi qamoota keenya kan biroo hundaaf daran barbaachisaadha.
---
โ Qulqullina gogaa irratti of eeggannoo gochuu. Guyya guyyaan qaama dhiqachuun, bishaan holataan yeroo dheeraaf dhiqachaa turuun qibaatii/jiidhinsi gogaa keenyaa hirdhisa. Kanaaf bishaan tiqqoma hoo'een, yeroo gabaabaaf guyyoota muraasa muraasaan dhiqachuun filatamaadha.
Akkasumallee erga dhiqannee booda yoo qaama keenya woyaan gogsinuu guutumatti gogaa keenya gossuu otoo hin ta'in jidhinsaa murasa akka qabaatu gochuu. Yeroo rifeensa gogaa kamuu haaddanu dibata itti dibuun suuta haaddachuu. Dibata harawa kan gogaa keenyaaf fayyadamnu kamuu gorsa ogeessa fayyaa malee fayyadamuu irraa of qusachuu.
---
โ Nyaata fayya qabeessa nyaachuu
Nyaanni fayya qabeessa taโe gogaan keenya bareedee akka mulโattuu fi miirri gaariin akka nutti dhagaโamuuf nu gargaaruu dandaโa. Fuduraalee, kuduraalee, midhaan guutuu fi akkasuma qurxummii fa'a nyaachuu. Bishaan baay'ee dhuguun gogaan keenya akka hin goggogne gargaara.
---
โ Dhiphinnaa, Cinqaa to'achuu fi Hirriba gahaa argachuu:
Garmalee dhiphachuun, muukayuun, ykn cinqamuun gogaan keenya haala salphaa ta'een dhukkuboota gogaa garagaraatiif akka saaxilamu godha. Akka finniisni namatti bahuufi ka jiru akka hammatu gochuus danda'a.
Hirriba gahaa (sa'aa torba guyyatti) rafuun fayyummaa gogaa kenyaaf hedduu barbaachisaadha.
Kanaaf dhiphinnaf cinqaa of irraa hirdhisuufi hirriba gahaa rafuun fayyaa googaa qofaaf otoo hin taane akkasuma fayyaa guutuu qamaaf barbaachisaadha.
---
---
Fayyaa ta'aa, fayyaa dahaa!
Horaa, bulaa, deebanaa!
---
ยฉDr. Nuredin Luke
15/09/2022
FAAYIDAALEE HANQAAQUU/EGG
Hanqaaquun nyaata fayyaa ilma namaaf barbaachisan keessaa isa tokko. Gosoonni hanqaaquu hedduu ta'us har'a kan ilaallu faayidaa hanqaaquu lukkuu ti. Hanqaaquun lukkuu qabiyyee hedduu kan fayyaa keenyaaf oolan, kan akka Vit.A,B,D,E,K; albuudota akka Pootaasiyeemii, seeleniyeemii, foosfarasii, ziinkii; pirootiinii, kolestiroolii gaarii(HDH); choline fi kkf of keessaa qaba.
Qabiyyeen isaa kunneen immoo fayyaa qaama keenyaaf baayyee murteessodha. Faayidaa hanqaaquu lukkuu keessaa muraasni:-
1.Dandettii dhibee dandamachuu (madinummaa) qaama keenyaa ni dabala......kun hojii Vit A,B12,seeleniyeemii ti.
2.Fayyummaa Sammuu keenyaaf ni gargaara.....kun hojii:- choline, albuudota fi Vaayitaaminoota garagaraa
3.Ulfaatina qaamaa garmaleef akka hin saaxilamne fi yoo jiraate immoo hir'isuuf ni gargaara
4.Fayyummaa ija keenyaaf hedduu gargaara.....kun hojii lutein fi zeaxanthin ti.
5.Ciminna ykn jabinna maashaaf ni gargaara.... kun hojii pirootiinii ti
6.Fayyummaa gogaa keenyaaf ni tola...hojii Vit.A fi qabiyyee biroo ti
7.Ulfa fayyaa ta'e godhachuuf....kun hojii Vit.9 ykn folate ti.
8.Akka qorannoon tokko tokko jedhutti carraa dhukkuba onnee, sammuu keessatti dhiiguu ykn ujummoleen dhiiga sammuutti gejjibaan cuqaalamuu(stroke) ni hir'isaa.....kun hojii choline fi kolestiroolii gaarii( HDL) ti.
9. Madda Annisaatii
Walumaagalaatti guyyaatti hanga hanqaaquu 2--3 nyaachuun gaariidhaa.
Asirratti yommuu hanqaaquu fayyadamtan kan yeroon isaa irra hin darbine ykn kan hin samne ta'uu qaba. Yommuu olkeessan yoo qabaattan firiijii keessa, yoo hin qabne immoo iddoo qorraa olka'uu qabduu.
๐Hanqaaquu dheedhii dhuguun hin gorfamuu.
Namni tokko tokko kan hanqaaquun aleerjii itti ta'u jiraachuu danda'a, namni kun nyaachuu dhiisuu ykn ogeessa fayyaa mari'isiisuu qaba.
Galatoomaa!!!
21/08/2022
FAAYDAA DAMMAA(HONEY)
1. Madaa qoorsuuf.
2. Carraa maseenummaa ni hir'isa , Qullubbii adii waliin makuun ganama garaa duwwaatti fallaana tokko nyaadha.
3. Umrii ni dheeressa, jechuun fayyaleesuumma qamaan tuuru dandeessu, ganama ganama garaa duwwaatti fallaana 1 hamma 3 fayyadama. .
4. Hirriba gahaa rafuuf, halkaan halkaan nyatuun raafuu..
5. Utaalloo irraa dafnee fooyya'uuf, garaa duwwaatti fallaana 2 >3 ol fayyaamtuu.
6. Keemikaalota qaama keessatti summii ta'an dhabamsiisuuf.
7. Dadhabbii akka malee ni hir'isa.
8. Dhukkubbii ilkaaniif.
9. Kaanserii lafee fi garaachaaf.
10. Dhukkuba lafee ni hir'isa.
11. Finniisa nurraa qulqulleessa, nyaachuu fi dibachuun loomiwaliin makaa dibaadha sa'aati 2 ergaa turtaan dhiqachuu qabduu..
12. Dhukkubbii maashaa fi buusaawwanii ni hir'isa.
13. Cholesterol hamaa hir'isa.
14. Ulfaatina qaamaa akka malee ni hir'isa.
15. Foolii badaa afaanii nurraa qolata.
16. Dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu qaamaa ni dabala.
17. Madda annisaa ti.
18. Dhibee onneefis ni tola.
19. Dhibee asmii fi saaynasiif, absuddaa (xuqur-asmuudi) waliin makaa ganama fi galgala gara duwwaatti fallaana tokko tokko nyaadha hamma fayyitaniitti ittii fufaa.
20. Dafanii molachuu nurraa ittisa, zeeyti qobboo fallaana tokko fi hanqaaqu waliin makaa torbaniitti guyyaa 2 hamma 3 ittii diibduu.
21. Rakkiina salqunnaamti irrisuuf, osoo salqunnaamti hin rawwatiin durattii nyachuun daqiiqa 20 >30 turtaani fayyadamuun baayyee gargaara.
Hubachiisa
Dammii faydaalee kanneen irraa argachuuf yoo xinnaate guyyaatti damma fal'aana (maanaka) 1 hamma 3 nyachuun faydaalee kana caalu argaachu nii dandeessuu.
Garuu damma ergaa sorattanii bishaan, shayi fi dhagala'a kamuu hamma daqiiqa 30 duraatti hin dhugiinaa!!
Galatooma lammii koo!!
16/08/2022
Safaricom Ethiopia met with representatives of a recent social media campaign, yesterday, and listened closely to their concerns. We assured them that we are building a company that represents all of Ethiopia without any biases or prejudice and are available for discussions anytime.
We are committed to serving all of Ethiopia in a way that respects all languages and cultures, as part of our vision of transforming lives for a digital future.
๐จ๐๐
๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐
๐ฉ๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐
๐ฎ๐๐
๐
๐๐ ๐๐๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐
๐ฉ๐๐๐๐๐ ๐๐๐๐๐๐๐๐
13/08/2022
GARAA GUBAA ( DYSPEPSIA)
**************************
Garaa gubaan, dhukkubii garaa keessattuu naannoo laphee gara jalaan namaatti dhagahamu yoo ta'u ; mul'achuun isaa sababa madaa'u garaachaa yookiin osoo garaachi fayyaa mallattoo dhukkuboota garagaraa ta'uu danda'a.
MALLATTOOLEE GUBAA GARAA
************************
- Gubaa laphee jalaa
- Miirri namatti hin tolle qoma jalatti namatti dhaga'amuu
- Deeffuu namatti baay'isuu
- Erga nyaatan booda garaa afuufuu
- Dafanii quufuu
- Nyaanni bullaa'uu diduu
- Ol deebisuu fedhuu
- Ol deebisuu
- Nyaata jibbisiisuu
Furmaanni isaa maali ?
************************
1. Waantoota dhukkuba garaachaa kana fidu jedhaman (alkoolii baayโisuu, tamboo xuuxuu, qorichoota ajaja ogeessa fayyaa malee kennaman fayyadamuu fi of dhiphisuu) irraa fagaachuu.
2. Nyaata dhukkuba kana nutti cimsan irraa fagaachuu. Nyaata kana baayโinaan abbuma dhukkubsatu sanatu beeka, yoo kan nyaatnaan nutti cimsu beekne nyaata sanarra fagaachuu qabna. Nyaatonni baay'inaan rakkoo kana fiduun himataman keessaa jajjaboon: miโeessitoota akka barbaree, buna,
nyaatotaa fi dhugaatiiwwan dhangaggaa'an adda dureedha.
3. Nyaata dhukkuba kana irraa fayyuuf nu gargaaru kanneen akka : dammaa , Qullubbiin adiin, kuduraa fi muduraalee adda addaa nyaachuu.
4. Haala soorata keenya itti fudhannu fooyyessuu.
Fakkeenyaaf; nyaata xixiqqeessanii amma amma nyaachuu fi yoo nyaatan suuta jedhaa nyaachuu.
5. Akkaata yeroo hirribaa keenya fooyyessuu. Fakkeenyaaf: akkuma nyaataniin rafuu ykn ciisuu dhiisuu; yeroo rafan ykn ciisan immoo kallattiiwwan mallattoo gubaa garaa woyyeessan fayyadamuu fi mataa siree xiqqooshee ol kaasuu.
6. Gara mana yaalaa deemuu fi qorichoota mana yaalaa irraa kennaman sirnaan fayyadamuu.
By
Dr. Lencho Kawo
09/08/2022
FAAYIDAA LAWUZII/OCHOLONII/PEANUT
Ocholoniin nyaata firin isaanii yommuu nyaattaman faayidaa heddu ilma namaaf kennaniidhaa. Faayidaa kanneen kan kennus of keessaa qabiyyee heddu kan akka Pirootiinii, cooma fayya qabeessa(healthy fat), Vaayitaminoota garagaraa kan akka vit B1,B2, B3,B6, B9,E, fa'a, albuudota akka Pootaasiyeemi,Soodiyeemii,fi kkf akkasumas faayiberiin kan badhaadhedhaa. Faayida isaa keessaa muraasni:-
*Fayyumma gogaa keenyaa eeguun akka miidhagnuu fi ifnu godhaa.
*Ulfaatina qaamaa madaalawaa ta'e akka qabaannuf heddu gargaara
*Seelii sanyii kormaa/Spermii lakkoofsan akka baay'atuuf ni tolaa, akkasumas rakkoo dhala dhabuu/infertility dhiiraa ni hir'isaa
*Dhukkuboota sirna onnee fi sirna dhiigaa waliin walqabataan kanneen akka dhibee onnee, olka'uu dhiibbaa dhiigaa, hir'inna dhiigaa fi kkf nurraa ittisa
*Fayyummaa kalee keenyaaf gaariidha
*Fayyummaa tiru keenyaaf hedduu gargaaraa
*Dandeettii wa yaadachuu fi si'aa'inna ni dabalaa
*Namoota dhukkuba sukkaaraa qabaniif filatamaadha.
*Dhukkubbii dugdaa, gurraa, mataa fi kkf ni wayyeessa
*Dhukkuboota sirna hargansu huban tokko tokko fknf Utaalloo fa'a nurraa ittisaa
*Dhibee Kaanserii garagara fknf Kaanserii mar'umman furdaa fa'a nurraa ittisaa
*Fayyumma ija keenyaf hedduu gargaara.
Fayyaan faaya!!
30/07/2022
FAAYIDAALEE GANAMA GANAMA GARAA DUWWAATTI BISHAAN DHUGUU
Namoonni baay'een qorra kanaan bishaan dhuguu mitii hin yaadaniiyyu. Haa ta'u malee, waan baayyee dhabaa akka jiran beekuu qabu. Akkasumas, bishaan dhuguuf dirqama miirri dheebuu jiraachuu hin qabaatu.
Faayidaan bishaan gahaa dhuguu akkuma jirutti ta'ee, yeroo hunda utuu ilkaan hin rigatiin (sababni isaas, hancufni ganamaa amala farra baakteeriyaafi farra kulkulfannaa qaba) ganama ganama bishaan garaa duwwaatti burcuqqoo 2-3 (liitira 1) dhuguun immoo faayidaalee dabalataa hedduu qaba. Isaan keessaa muraasni:-
*Dhukkuboota sirna hargansuu huban, fknf Biroonkaayitii, Asmii,fi kkf fa'aaf baayyee fayyaada.
*Dhukkuba garaachaaf hedduu gargaara
*Dhibee gaggabdoof ni gargaara.
*Fayyummaa kalee keenyaaf baay'ee gargaara
*Dhibee funyaanii, ijaa, gurraa fi qoonqoo irraa nu baraara.
* Foolii afaanii fi qaamaa badaa ta'e ni hir'isa
*Gogiinsa garaa fi dhibee Kintaarootii nurraa ittisa fi kkf fa'a.
Asirratti erga dhugne booda ilkaani fi afaan keenya qulqulleeffaanne, wanta nyaatamuu fi dhugamu biroo (bishaaniin ala) osoo hin fayyadaamin hanga daqiiqaa 30 turuun gaariidha.
๐ฃ : Namoonni tokko tokkoo bishaan hammamtaa armaan olitti jenne dhuguun itti cimuu, akkasumas fincaan isaan rakkisuu waan danda'uuf suuta suuta of shaakalsiisuu qabu. Kanaaf, yoo dandeessan sochii qaamaa gochaa, ciree hojjechaa, wanta biraas kan hojjettan yoo ta'e hojjechaa yookin immoo sireedhuma keessan irra ciisaa suuta suutaan dhuguu ni dandeessu.
Galatoomaa!!
Olmaa gaarii!!!
ยฉDr.Caalaa Diidaa
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the business
Telephone
Website
Address
Shashemene
SHASHAMENE
