Yaya Beshir
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Yaya Beshir, Health/Beauty, London, CA.
Congregation
10/23/2020
Che qalu
10/09/2020
Maaloo maarroo Leencaa Biyya Keetii hin Ajjeessin Malee Boruu saree Biyya Maqaleetu sitti deebitee Sinyaatti
10/05/2020
Mootummaan waggaa shaniif aangoo irra ture yeroon isaa waan dhumateef hidhaa irraa akka hiikaman hidhamtoonni siyaasaa Oromoo gaafatan.
Obbo Jawaar Mohammad, Obbo Baqqalee Garbaa, Obbo Hamzaa Booranaa fi Obbo Shamsaddiin Xayaa xalayaa guyyaa har'aa gara Bulchiinsa Mana Hidhaa Qaalittiitti barreessaniin akka jedhanitti, hogganoota dhaaba siyaasaa waan tahaniif heerri fi olaantummaan seeraa akka kabajamu qabsaayaa turuu dubbatan. Yeroon hojii mootummaas bu'ura heeraa qofaan akka tahu qabsaayaa turuu, ammas qabsaayaa jiraachuu fi borus kan qabsaayan tahuu yaadachiisan.
Heerri ummatoonni biyyattii karaa bakka bu'oota isaanin raggaasifatan haala ifaa taheen akka ibsutti, mootummaan waggoota shanan dabraniif aangoorra ture fi kan ummata narratti kakaafatan jechuun isaan himate yeroon hoji isaa har'a waan xumurameef mootummummaadhaan itti fufuuf bu'ura seeraa homaatuu hin qabu.
Kanaafuu manni hidhichaa guyyaa har'aa irraa qabee hidhaa irraa akka nu hiikuu fi mootummaa imaanaa guyyaa har'aa irraa qabee jaaramu keessatti akka hammatamnu kabajaan gaafanna jechuun iyyatanii jiru.
10/01/2020
Qondaaltonni naannoo Oromiyaa namoota kabaja ayyaana Irreechaarratti hokkora uumuuf hojjachaa turan jedhan 500 to’annaa jala oolchineerra jedhan.
Hanga ammaatti namoota ayyaanicha dirree jeequmsaa taasisuuf socho'an namoota 503, Kilaashii 14, bombii 26 fi shuguxii 103 too'annaa jala olchuu Komishinii poolisii Oromiya wabeeffachuun Biiroon Komunikeeshinii Naannoo Oromiyaa beeksisera
09/28/2020
Har'a qabeenyi suuqii obboleetti Jawar bifa kanaan saamame. Konkolaataa fe'iisaa lamaan kan saamame yoo ta'u, ijoollee naannoo san jirtu dirqisiisuun mi'a suuqii keessaa konkolaataa fe'isaa lamatti guursisa turan. Qabeenyi obboleetti Jawaar suuqii Adaamaa keessaa fudhatame kun qarshii Kuma dhibba lamaa olitti (200,000.00+) tilmaamama.
09/19/2020
Finfinnee, Fulbaana 9, 2013 (FBC) –Obbo Jawaar Mahaammadii fi Baqqalaa Garbaa dabalatee namoota 24 irratti himatni baname.
Jawaar Mahaammad, Baqqalaa Garbaa, Hamzaa Adaanaa akkasumaas bakka hin jiretti kan himatan Oromiyaa Miidiyaa Neetwoork (OMN), Dajanee Guutamaa, Dooktar Birhaanamasqal Abbabaa Sanyii fi Dooktar Tsaggaayee Raggaasaan dabalatee waliigalaan namoota 24 irratti seera yakkaa bara 1996 bahe keeyyata 240 darbuun sabaa fi amantaa bu’uura kan godhate walitti bu’insa waliin waliinii kaasuun gosti tokko gosa tokkorratti akka ka’u taasisuu, yakka shoroorkeessummaa ittisuu fi to’achuuf labsii bahee lakkoofsa 1176/2012, labsii yakkaa teeleekoomii waliin dhahuu lakkoofsa 761/2004 fi labsii bulchiinsa meeshaa waraanaa lakkoofsa 1177/2012 darbuun yakka raawwataniin Abbaan Alangaa waliigalaa Federaalaa Fulbaana 6, 2013Mana Murtii Olaanaa Lidataa ramaddi dhaddachaa yakkaa lakkoofsa galmee 260215 himatoota 10 irratti baneera.
Himatamtoonni Fulbaana 11, 2013 mana murtiitti dhiyaatanii himatni akka isaan dhaqqabu ragaan Abbaa Alngaa waliigalaa Federaalaa irraa arganne ni muldhisa.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
09/15/2020
Tarkaanfii Eegallee Jirra!
===================
Qarshiin seeran ala biyyaa bahee ture jijjiirraa maallaqaan wal qabatee karaa Somali land gara biyyaatti seensisuuf yaalame 200,000 Buufata Too'annoo Toogoo Wucaalerratti qabame!
yeroof facebook koo waan na jalaa uggurameef page koo isa sirrii kanaanin odeeffannoo hamman danda'e isin biraan gaha Like godhaa hiriyoota keessanis akka like godhan invite godhaa!
Tokummaan Qabsoofnaan naxanyaa daaraa goonee hidhamtoota keenya hundas mana hidhaatii baafannee of kabajsiisuun amma.
ITTI MUDDI OROMOO KOO!
09/13/2020
Bara kanaaf kaardii kana keessaa kan isinitti fakkaate filadha ani C C filadheera
Click here to claim your Sponsored Listing.
