Ra= kaliifa
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Ra= kaliifa, Health/Beauty, Harar.
04/11/2025
Mootummaan naannoo Somaalee hidhattoota bobbaasee Moyaalee hanga naanna'ee dhufee Mi'eessoo gahutti uummata buqqisee lafa Oromoo gaaf qabatu mootummaan callifnaan dhimma magaalaa Dirree Dhawaa irratti sadarkaa ministira muummee Abiy Ahimadiin dhiifama gaafadhu jechuu irra gahanii jedhu kutaaleen hawaasaa garaagaraa naannoo Oromiyaa.
Namoonni OMN'f yaada isaanii kennan, naannoon Somaalee duraan magaalaadhuma Dirree Dhawaatu hin daangessu jedhan.
Shira Wayyaaneetiin naannoon Somaalee magaalaa Dirree Dhawaa akka daangessu taasifamuu eeranii, naannoon Somaalee carraa kana fayyadamee sadarkaa magaalaan Dirree Dhawaa kooti jechuu irra akka gahe himan.
Dhalattoonni naannoo Somaalee magaalaa Dirree Dhawaa jiraatan walakkaa uummata Oromoo achi jiraatuuyyuu otoo hin taane kootaan qixxee Oromootiin kennameefii, dabaree kantiibaa ta'aa jechuun dogoggora hamaa akka ta'e dubbatan.
Dogoggora kana irra dhaabbatanii amma immoo keessa darbanii “Dirree Dhawaan Keenya, ministirri muummee dhiifama nu haa gaafatan” jechuu gahanii jedhu warri yaada kennan.
Mootummaan naannoo Somaalee hidhattoota bobbaasee dhiheenyuma kana magaalaa Dirree Dhawaatti dubartii ulfaa dabalatee namoota nagaa fixuunis ni yaadatama.
Qaamni gochaa kana seera qabsiise hanga ammaa hin jiru.
Naannoon Somaalee waan bara Wayyaanee gochaa ture ittuma fufuun hidhattoota bobbaasee lafa Oromiyaa Moyaalee hanga Mi'eessoo saamaa saamutti jiraachuu himan.
Kun marti gaaf ta'u mootummaan Oromiyaa afuura dhokfate kan jedhan namoonni yaada kennan, mootummaan federaalaa kan ministira ministira muummee Abiy Ahimadiin hoogganamus otoo uummanni hidhattoota naannoon Somaalee bobbaasuun qe'ee isaatti dhumuu callisee ilaalaa turuu dubbataniiru.
Babal'ifattoonni lafaa naannoo Somaalee kanaan onnatan magaalaa Dirree Dhawaa biyyi guutuun lafa Oromoo ta'uu beeku ministirri muummee lafa Oromooti jennaan dhiifama gaafadhu ittiin jedhan, kun salphina guddaa dha jedhan.
Aangawoonni biltsiginnaa Oromiyaa Salphina kana ofumaan ofitti fidan, uummannis qe'ee isaa irratti akka salphatuu fi arrabsamu taasisan jedhan.
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Website
Address
Harar
