Kiyyaa oromoo
@kiyyaa Oromoo
28/08/2024
Pirofeesar Gabbisa Ejjetaan qorata misooma midhaanii waggaa jedhamuun filaman
Finfinnee, Hagayya 22, 2016 (FBC)- Ameerikaatti Yuunivarsiitiin adda duree fi beekamaa ta’e Yuunivarsiitiin Purdi dhalataa Itiyoophiyaa kan ta'an Pirofeesar Gabbisaa Ejjetaa, qorannoo hojiilee qonnaa gaggeessaniin Qorataa Misooma Midhaanii Waggaa jechuun filate.
Pirofeesar Gabbisaa Ejjetaan yeroo garaagaraatti qorannoowwan gaggeessaniin sanyiiwwan filatamoo sadarkaa olaanaan oomisha kennuu danda’an kan abuuranyoo ta’u, hayyuun kun qorannoowwan faayida qabeessa gaggeessaniin sadarkaa idil addunyaatti beekkamtii olaanaa argachuu danda’aniiru.
Badhaasota garaagaraa 17 kan argatan Pirofeesar Gabbisa Ejjetaan, dhiyeenya kanas Meedaliyaa Saayinsii Biyyaalessaa argataniiru.
Yeroo ammaas Yuunivarsiitiin Purdi Qorataa Misoomaa Midhaanii Waggaa Filatamaa jechuun filateeraani.
Pirofeesar Gabbisaa Ejjetaan hojiilee qorannoo isaaniin dhaabbilee biyyaalessaa fi idil addunyaa 70 ol gorsuun bu’aalee maxxansaa 200 ol maxxansaaf dhiyeessuu danda’aniiru.
Kanaan duras Badhaasa “World Food Prize” injifachuun isaanii ni yaadatama.
Sanyiiwwan midhaanii maxxantummaa aramaa dandamachuu danda’an abuuruun kan hojjetan Hayyichi, dhaabbata tola ooltummaa Maliindaa Geetis irraa Doolaara miiliyoona 5 argachuun isaanii ni yaadatama.
Baatii Onkoloolessaa darbes Pireezidaantii Ameerikaa Joo Baayidan irraa Badhaasa “Meedaaliyaa Saayinsii Biyyaalessaa Ameerikaa” fudhachuun ni yaadatama
08/08/2024
23/06/2024
Iyyaafannoo
Maqaan isaanii Shamsiyyaa Muusaa Muhammad jedhamu Hajjii deemanii xumura irratti Jamaraata bakka dhakaa darbannaatti ilma isaaniitiin wal harkaa badanii namni Agartan bilbila suuraa isaaniirra jiru kanaan naaf bilbilaa jedha ilmi isaanii waliif dabrsaa barbaadaafii warri achi jirtan. Jzk
23/06/2024
FAAYIDAALEE MOOSEE /DINNICHAA(POTATOES)
Mooseen ykn Dinnichi kuduraa fi muduraa keessaa tokko ta'ee, kan guutuu addunyaatti baayyee beekkamuudha. Akka biyya keenyattis mana inni seenee hin beekne hin jiru. Dinnichi qabiyyee hedduu, fayyaa ilma namaaf baayyee murteessoo ta'an kan akka Vit.B6, B9 fi Vit.C, Albuudota akka Pootaasiyeemi, kaalsiyeemii, foosfarasii, magniziyeemii, ayiiranii, foosforasii, sukkaara gosa istaarchii jedhamuu fi kkf fayyaa qaama keenyaaf baayyee barbaachisan of keessaa qaba.
Faayidaalee Dinnichi fayyaa keenyaaf qabu keessaa muraasni:-
1.Dandettii dhibee infeekshiinii garagaraan dhufu; keessattuu kan vaayirasii fi baakteriyaa garagaraan dhufu dandamachuu (Madinummaa) qaamaa keenyaa ni dabala............kun hojii Vit.C ti
2.Sirni bullaa'insa nyaataa akka si'aa'uu fi dabalu godha.....kun hojii Vit.B6 ti
3.Gogaa miidhagaa fi fayyaa qabeessa ta'e akka qabaannuf hedduu gargaara......kun hojii Vit.C ti
4.Goginsa garaa nurraa qolachun, alkallattidhan immoo dhibee Kintaarootii nurraa ittisa.....kun hojii 'fiberii' ti
5.Hirriba gaarii akka rafnuuf hedduu gargaara...hojii 'Choline'
6.Dhibee Kaanserii garagaraaf, kan akka Kaanserii mari'umman furdaa fa'a nurraa ittisa...hojii folate/Vit.B9 fi Vit.C
7.Ulfaatina madaalawaa akka qabaannuf nu gargaara.....hojii 'fiberii' ti
8.Dandettii waa yaadachuu fi qayyabachuuf ni gargaara....hojii 'Choline' ti
9.Hamma sukkaara qaama keenya keessaa to'achuuf, kanaaf namoota dhibee sukkaaraa qabaniif xiqqeessanii akka fayyadaman ni gorfama ....hojii Istaarchii fi fiberii ti
10.Fayyummaa lafee keenyaaf hedduu tola.....hojii albuudota olitti jennee ti
11.Dhiibbaan dhiigaa akka too'atamuuf, kunis akka ol hin kaane gochuu irratti gahee guddaa taphata.....hojii pootaasiyeemii, akkasumas qabiyyee sodiiyeemii jedhamu immoo baayyee xiqqoo qabaachuu
12. Fayyummaa onnee keenyaaf hedduu gargaara....hojii fiberii, pootaasiyeemi,Vit.B6,Vit. C fi sababa 👆11ffaa jenne
13.Qorra nurraa ittisa, keessattuu yoo affellee nyaanne.
Itti guutaa..
05/11/2023
25/10/2023
Jirra jirtuu
19/10/2023
KA'UMSA WOLDHIBDEE PAALISTIINII FII ISRAA'ELII
———
Barreeffama dheeraadha garuu waan heddu irraa baruu dandeessu. Obsaan Dubbisaa!
———
Bara 1880-moota keessaafi achi dura, jaarraa afuriif, lafti amma Araboonni Paalistiinii fi Yahuudonni Israa'eel irratti woldhaban, bulchiinsa Osmaan (Otomaan) Empayeer kan Turkii (Ottoman Turkish Empire) jalatti kutaa bulchiinsaa (administrative districts) lama kan ‘Sanjak of Jerusalem’ fi ‘Vilayet of Beirut’ jedhamuun beekaman ture. Gaafas ummata malee, Paalistiinis, Israa'elis akka biyyaatti hin turre.
---
---
Yeroo san ummanni dachii san irra jiraatu kuma dhibba jahatti (600,000) kan tilmaamamu yoo ta'u; isaan kun irra caalaan Araboota Muslimaa Sunni yoo ta'an, Kiristaanonni muraasnis turan. Magaalonni akka Jerusalem fi Nablus jiddugaleessa biyyattiitti, akkasumas Acre, Jaffa fi Gazaan ammoo naannoo qarqara galaanaatti magaalota sochii diinagdee ho'aa uumatan turan. Haa ta'u malee ummanni sun yeroo san irra jireessaan (%64) kan ta'an jiruun isaanii kan qonna irratti hundaa'e ture. Lafti sun hedduun abbootii lafaa sanyii Arabaa ta'an harka kan tureefi abbootiin lafaa kunis worra Ottoman Turkish wojji hariiroo tolfatanii kan jiraatan ture.
---
---
Empaayerri Otomaan (Osmaan)Turkish kun ammoo jaarraa 14ffaa hanga jalqaba jaarraa 20ffaa kibba-baha Awuroopaa, biyyoota Arabaa (Jiddugala bahaa) dabalatee hanga biyyoota Kaaba Afrikaa kan dhuunfate ture. Biyya keenya irraas naannoo magaalaa Harar (Imireetin Hararii) Empaayera kanaan eeggamaa ykn ittifamaa ture. Bara 1908 Fincila Turkii (Turkish Revolution)dhaan Impaayerri kun Dargaggoota Turkii kan sabboonumma Turkii leellisaniifi haala bulchiinsaa woliigaltee Araboota wojjin taasifamuun bulfamaa ture mormaniin qabamaa dhufe. Kana irraas sabboonummaan Arabaas uumamuu jalqabde. Woraana Adunyaa Tokkoffaa booda Impaayerri Otomaan ni diiggame. Araboonni hedduunis Impaayera Ottoman irraa adda bahuun biyya of dandeette cinaa isaanitti ijaarachuuf ka'an. Biyyoonni Arabaa amma jiran heddunis sochii kanaan daanga amma jiruun qoqqoodamanii ijaaraman.
---
---
Yahuudonni (Jewish) adunyaa irra faffaca'anii turan dhiibbaa, tuffatama, jibbaafi miidhaan garagaaraa (Anti-semitism) isaan irra gahaa ture. Isaanis (Jiwishoonii adunyaa irra faffaca'anii) turan kun naannoo bara kudha saddeet saddeetamootaa (1880)taa keessa abjuu biyya abaabilee isaaniitti deebi'anii mootummaa ijaarachuun biyya of dandeettu ta'uu dhiibuu jalqaban. Wonti kun ammoo Araboota Paalistiinin ija gaariin hin ilaalamne. Paalisitiinonnis lafti kun lafa dhaloota hedduuf qotanii irraa nyaataa turan waan ta'eef, abjuu Jiwiishonni gara dachii Paalistiiniitti deebi'anii biyya ofii tolfachuu kana hin jaalanne qofa otoo hin ta'ani kallattii garagaraatiin mormaas, dura-dhaabbachaas turan. Imala gara dachii Paalistiin deebi'uu haala qindaa'een oofuuf Jiwiishonni bebeekkamoon yeroo sanii sochii "Zionism" jedhamu jalqaban. Kun ammoo bara 1880moota keessa jechuudha. Sochiin Zionism (Jiwiishota addunyaa irra faffaca'an Paalisitiinitti deebiisanii biyya Israa’eel jedhamtu ijaarachuu) namoota dhiibbaa uumuu danda'an kan akka Theodor Herzl fa'aan jalqabame.
****
Jiwishonni/Yahuudonni sababa maaliif Adunyaa irra faffaca'an kan jedhu gaafii isinitti ta'uu mala. Woldhibdee kana dura Araboota Paalistiin wojjiin qabaataniin moo? Sababa biraatu jira kan jedhu gaafii isinitti ta'uu mala.
---
Akkasumas seenaa jara kanaa duuba deebitanii jalqaba irraa fedhiin beekuus isinitti uumamuu mala. Guutumatti gara duubaa achi harkifna yoo jenne Yaahudonniif Araboonni ilmaan obboleeyyanii, Abraham (Nabi Ibraahim (AS)) irraa dhufan. Hagas duuba deemuun woldhabdee amma jiru hubachuuf faayidaa dilasii qabachuu dhabu mala. Garuu gabaabatti Ibrahim (Abraham) Yisaaqiin uumate Yisaaqi ammoo Yaaquubiin uumate, Yaaquub ammoo Nabi Yuusuufi fi obboleeyyan isaa 11 uumate. Ilmaan Nabi Yaaqubi kudha lammaan kanatu gosa Jiwishotaa/Yahuudota kudha lamman san ta’an jechuudha. Maqaan gosoota Jiwishotaa kunis maqama ilmaan Nabi Yaaquubii irraa horan saniin waamama.
Paalistiinonni ammoo worroota Nabi Ibrahim (Abraham) dura dachii san jiraataa turan Kana’aan irraa fi Araboota Ilma hangafaa Abraham (Ibrahim) Ismaa’eel irraa dhufaniin akka wolmakanii dachii san irra barootaaf jiraatan galmeeleen seenaa ni addeessu.
Yahuudonni /Jiwishonni yoomiif maaliif adunyaa irra faffaca'an kan jedhu gaafii isinitti ta'uu malas. Gabaabumatti Jiwiishonni adunyaa irra faffaca'uu kan jalqaban dhaloota Kiristoos (Nabi Isaa) dura bara 597 (Weerara Baabilooniin) yoo ta'u irra caalaan garuu yeroo Impaayerri Roomaa babaldhatu san woraana Isaan wojjiin godhamaa tureen dhaloota Kiristoos booda bara 70 asi jechuudha. Adunyaa irratti akka ummata hamaa Kiristoos hirarsanitti, ummata keessa jirataniin aadaaf jireenya isaanii irra waan adda of basaniif akka ummata daba hamaa qabanitti waan ilaalamaniif kutaa adunyaa qubatan hedduu keessatti jibbaaf dhiibamiinsa garagaraatu isaan irra gahaa ykn mudachaa ture. Bara Nabi Mohammed (SAW) amantaa Islamaa barsiisaafi babaldhisaa turanii fi bara Kaalifoota isaan booda dhufanii lafa (biyya) baldhaa qabatan san Jiwiishonni/Yahuudonni mirgi isaanii eeggamee, aadaanii fi amantaan isaanii kabajameefi nagaan jiraataa turan. Erga faffaca'an booda yeroon sun isaaniif yeroo garii dhumaa ( ykn akka Golden time)tti ilaallama.
****
----
Sochi Zionism jenne saniin Yahuudonni bebekkamoonii fi dhiibbaa-uumtota ta'an suutuma suutaan namoota muraasa gara Paalistiin akka deebi'an godhuu itti fuufan. Kun otoo deemaa jiru bara 1914 Woraanni Adunyaa Tokkoffaan (WW-I) dhohe. Woraana kana irratti Turkiin lafa woldhibdee kana maqaa Ottoman Empire jedhuun qabattee turtes woraanicha iratti hirmaatte. Turkis (gareen ishees) woraanicha irratti waan mohamaniif, Ottoman Empire harka ishii irra ture ni diiggame. Yeroo kana lafa Paalistinii (Lafa amma irratti woldhaban) kana Ingiliiz (British) harka gale.
---
---
Ingiliizoonni (British) woraana kana irratti lafa Paalistiin kan bulchiinsa Ottoman Turkish Empire jala jiru to'achuuf Zionists (Worra Isiraa'eel Paalistiinitti deebisanii dhaabuu abjotan) haala bulchiinsaa Ottoman Turkish mohachuuf jecha itti fayyadamuuf haga tokko ofitti dhiheessan. San booda lafti kun woggoota soddoman itti aananiifi hadaraa Ligii Mootummoota (League of Nations) tiin harka Ingilizii (British) ture. Yeroo kana keessatti waan hedduutu ta'e.
---
---
Sochiin Zionisim keessattu Yahuudota Awurooppaafi Raashiyaa keessatti jibbiinsi hamaan irra gahaa ture gara Paalisitiin akka deebi'an suuta suutan erguu jalqabe. Waan kana daran milkeessuuf akka idla adunyaatti 'World Zionist Organization' fi akka biyyaati ammoo 'Jewish Agency for Palestines' dhaabuun itti deeman. Inni biyya keessaa lafa bituun, manneen barnootaa ijaaruun, dhaabbilee fayyaa babaldhisuun, Yahuudota Paalistiinitti deebi'anii akka mootummatti gargaaruu jalqabe. Bara 1925 Hebrew Univeristy achi Jerusalem keessatti dhaaban. Inni kun deebi'aanii dandamachuu fi ijaaramaa dhufuu Israa'eliif akka waan guddaatti ilallame. Lakkoofsi isaanis suuta suutaan akka dabalaa dhufu hojjatame. Bara 1922 laakkofsi Yahuudota Paalistiin jiranii 83,790 (lakk. ummata woligalaa ammo 752,048) ture. %11 qofa jechuudha. Woggaa torba booda bara 1929tti lakkofsi Yahuudotaa 156,481 (kan woligalaa ammoo 992,559) ta'e. Gara %16 ol siiqe jechuudha. Bara 1936 lakka woligaala 1,336,518 kana keessaa Jiwiishonni gara 370,483 guddatan. Kun ammoo %28 ummata lafa sanii ta'an jechuudha. As irratti hin dhaabbane kun yeroma yeroon dabalaa dhufe. 'Demography' lafa sanaa jijjiruu cimsanii itti fuufan. Amma Palistinoonni miliyoona Shan qofa yoo ta'an, Isra'eel ammoo miliyoona sagalii ol ta'u. Lafa qabataninis Israel lafa Palistini dachaa afur kan ta'u qabatte jirti amma.
---
---
Yeroo kun hundi ta'u Araboonni Paalistiinii ta'anii ilaalaa turan moo gaafiin jedhu isin keessatti umaamuu hin oolu. Bara 1920 fi 1921 mormii fi jeequmsi guddaan Araboota Paalistiniitiin bulchiinsa Ingilizii fi qubachiifamuu Yahuudoota irratti ka'ee ture. Haa ta'u malee dhabbileen Araboonni Paalistiin ijaaraa turaniif ijaaramni isaan qabataa turan kan Jiwiishota (Yahuudota) Isiraa'el wojjiin kan wolgitu hin turre. Akkasumas qubachiifamaa dhufuu Yahuudotaa mormuun bara 1929 Western Wall Jarusalem keessatti hokkara uumameen Jiwishonni 133 fi Araboonni 116 du'anii turan. Jidduu isaanii ammoo Ingilizonni waan jiraniif waan kana to'achuun yaada furmaataa garagaraa dhiheessaa turan.
---
---
Kan biraa ammoo wonti hubatamuu qabu; dhiibbamiinsa fi jibbiinsa ( Anti-Semitism) Awuuropaafi Raashiyaa keessatti isaan irra gahaa ture dheessuun jidduu bara 1881 fi 1914 qofa keessatti Jiwiishonni (Yahuudonni) Miliyoona lamaa ol ta'an (2,019,000) gara Ameerikaa baqatanii turan. Isan kun ammoo carra achi jiruun beekamtii gurguddaa gama aartiitiin, muuziqaatiin, fiilmiitiin, daldalaatiin, kalaqa, industiriifi sayinsiitiin argataa turan. Kan qofa otoo hin ta'in siyaasa Ameerikaa kessatti hanga gorsaa pirezedaantota Ameerikaa gahuun iddoo dhiibbaa guddaa umuu danda'an irra turan. Inni kunis ilaalaachaf poolisii Ameerikaan dhimma Araboota Paalistiiniifi Yahuudota Israa'el irratti hordoftu irratti dhiibbaa guddaa uumera. Kara kanaanis fayyadamuun Jiwishonni dhibbaa guddaa isaaniif gargaru tolfata turan.
---
---
Bara 1933 Adolf Hi**er Chaansilerii Jermaan ta'e. Ji'oota muraasa booda abba irrumaa isaa mirkaneesse. Yeroo bulchiinsa Hi**er jalqabaa Jiwiishonni Jarman jiran tooftaadhaan jiruuf jireenya Jarman keessaa dhiibamaa dhufan. Yeroo dargaggummaa isaa Vienna tureefi san booda yeroo loltu Jarman turetti Adlof Hi**er jibbaa Yahudootaa (Anti-semitism) hamaa qabaachaa ture. Jibbaa biyyoota Poland fi Jarmaan keessatti hammachaa dhufe kana dheessuun Yahuudotaaf dirqama ta'e. Iddoon isaan itti dheessanis gara Paalistiin ta'aa dhufe. Kabaja woggaa jahaffaa angoo qabate irratti Adolf Hi**er Yahuudota Awuroopaa keessaa balleessuun dirqama waan jedhu wohii dubbatee ture.
---
---
Naazin Jarmaanii akka sagantaa mootummatti qabachuun Awuropaa bahaa keessaa Yahuudota qulqulleessu ykn balleessuuf socho'e. Lola biyyoota ollaa isaa wojjiin godhaa tureefii akkasumas bara 1941 weerara Gamtaa Sooviyeet irraatti godhee injifateen booda Jiwiishonni/Yahuudonni miiliyoona afur ta'an lafa to'annaa Naazii jala jiru jala galan. Naziin yeroo jalqabaa akka sagantaatti kan qabaataa turan Jiwiishonni dhiibbaa isaan irra gahu haa dheessanii baqataniif ture, kunis haala eegameen milkaayuufii dhabe. Fakkeenyaaf muddee bara 1941 dooniin baqatoota Jiwiishootaa 769 qabattee imalaa turte Turkii seenuuf taanaan ni dhoowwamte, san booda biyya biras yaalte dhoowwamte, Inglizonnis akka hin seenne dhowwan, booda irra doonattiin dhidhimtee lubbuun nama 769 ni darbe. Yeroo kanatti Jiwiishonni carraan qaban gara Palistiiniitti deebi'uu ykn dhumaatii itti dhufaa jiru dhandhamuu ture. Yeroon Nazii Jarmaan Jiwiishotaaf yeroo hedduu ulfaataaf hamaa dhumaa ture. Naaziin Yahuudota/Jiwiishota gara Kaampii afurittii seensisuu (naquu) jalqabe. Achi keessatti dararaa hamaan gurraaf ulfaatu irra gahe.
---
Jidduu bara 1941 fi bara 1945, rukkutaa rasaasaa jumlaan, gaaziin ukkamsanii ajjeesuun, fi haala hammaatoo kan biraatiin Naaziin Jarmanii Jiwiishota/ Yahuudota Miiliyoona Jahaa (Miliyoona 5.6 hanga 6.9) tilmaaman fixe/ajjeese. Kun ammoo laakkofsa Jiwiishotaa yeroo san Awuroopaa keessa jiraataa turan keessaa lama sadaffaadha jechuudha. Gochi duguuggaa sanyii Jiwiishotaa/Yahuudotaa irratti godhame kunis Holokaast (Holocaust) jedhamuun beekama.
---
---
Yeroo duguuggaan sanyii Jiwiishotaa kan Adolf Hi**ern godhamaa jiru (Holocaust) kun Amerikaatti dhagahamu, haawaasni Jiwishi kan yeroo garagaraa gara Ameerikaa deemanii ykn achitti baqatanii turan dallansuu guddaan mootummaa Ameerikaa akka dhaabsisu gaafachaa turan. Jiwiishonni hedduunis gorsaa Pirezendaatii Amerikaa yeroo sanii 'Theodro Roosevelt' turan. Isaan irraa hawaasni Jiwishii Amerikaa jiru waan heddu eegee ture. Perezendaattichi garuu haalaa Araboota Paliistiiniifi Israa'elonni keessa jiran ilaaluun dubbiin kun hedduu ulfaataa ta'uu isaa hubatanii, Araboota Palistiinitis otoo hin mufachiisin, Yahuuwdota/Jiwiishotattis dubbii toluun tarkaanfii jabaa otoo hin fudhatin barri perezedaantummaa isaanii dhume.
----
——
Lafa amma Paalistiinii fi Israa'el irratti woldhabaa jiran, dhuma jaarraa 19ffaa irratti sochii 'Zionism' jedhamuun Jiwiishonni lafa Paalistiini irraatti biyya Israa'el jedhamtu hundeessuuf sochii jalqabuu isaanii ilaallee turre. Jaarraa 19ffaa dura Jiwiishonni Paalisitiin jiraatan laakkofsaan kuma shan kan hin caalle ture. Isaan kunis irra jireessaan hojii ogummaafi daldala garagaraa irra kan turan malee lafa qonnaa kan qaban hin turre. Kanaaf lafti sun bulchiinsa Ottoman (Usman) Turkish Empire jala (jaarraa afur oliif) haa jiraattu malee, abbooti lafaa sanyii Arabaatiin kan qabame ture.
---
Paalistiinonni woggaa kuma afur oliif lafa san irra jiraachuu ragaan seenaa ni muldhisa. Yahuudonnis dhaloota Kiristoos (Nabi Isaa) dura naannoo Jerusalem (Al-Quds)ttifi kaaba isaatti Mootummallee garagara ( David, Solomon, Kingdom of Israel, Kingdom of Judah) jedhaman dhaabanii turuu isaanii seenaan ni mirkaneessa. Yeroo garagaraatti woraana Mootummoota Israa’el kana jidduu fi (Aseeriyan, Masrii, Baabiloon, Roomaa fi Parshiiyaa) wojji godhamaa tureen lafa kana dhiisaanii gara kutaa adunyaa garagaraatti faffaca'aa turan.
---
---
Yahuudonni (Jewish) yeroo garagara adunyaa irra faffaca'anii turan kun ammoo dhiibbaa, tuffatama, jibbaafi miidhaan garagaaraa kan dhalootaa dhalootatti darbe (Anti-semitism) isaan irra gahaa ture. Isaanis (Jiwishoonii adunyaa irra faffaca'anii) turan kun naannoo bara kudha saddeet saddeetamoota (1880)taa keessa --lafa woggaa kuma lamaa oliif dhiisaanii biraa deemanitti deebi'anii--- mootummaa ijaarachuun biyya of dandeette ta'uu sagantaa baafatanii cichanii dhiibuu jalqaban.
---
Kanas milkeessuuf karaa Sochii 'Zionisim' saniin abbootii lafaa Arabaafi bulchinsa Ottoman Turkish ture irraa lafa bitaa Jiwiishota adunyaa garagara irratti jibbaaf dhiibban irra gahaa ture gara Paalistiin erguun qubsiisuu jalqaban. Yeroo isaan kana godhan Paalistinonni cal jedhaanii hin ilaalle, mormii godhaniin yeroo muraasaaf sochiin sun akka dhaabbatu gochuu danda'anii turan.
--
Woraana Adunyaa Tokkoffaa (WW-I) irratti Turkiin mooyamuudhaan 'Ottoman Turkish Empire' waan diigameef, Liigiin Mootummoota (League of Nations) lafti Paalisitiin sun akka hadaradhaan Ingiliizotaan (Britishin) bultu murtaaye. Ingilizonnis woggoota soddomaaf bara 1917 hanga bara 1948 lafa Paalistiiniifi Israa'eel irratti woldhaaba jiran san bulchaa turan.
---
---
Inglizonni woggaa soddomaa bulchiinsa isaanii kana irratti Yahuudota (Jiwiishota) ofitti dhiheessuun, Araboota Paalistiin ammoo dhiibba garagaraa itti gochaa turan. Sochii Yahuudonni adunyaa garagara irra gara Paalisitiin deemuun qubachuu eeyyamuun; Paalistinota ammoo gibira humnaa olii itti fe'aa turan. Qawwee qabachuu Yahuudotaa eeyyamanii, Paalistinota ammoo dhoorkaa turan. Yeroo Ingilizonni bulchaa turan kana waan heddutu ta'e. Zionistoonni (Yahuudonni gara Paalisitiin deebi'anii biyya of dandeette ijaarachuu qindeessan) lafa bitamu bitaa kan ammoo hokkaraafi woraanaan babaldhifachuu itti fuufan.
*** ***
Ummata Adunyaa wolakkaa ta'uuf lafti Paalistiiniifi Israa'el irratti woldhaban (guutuun ykn keessaa muraasni) karaa amantaa hordofaniin lafa eebbifamoo ykn qulqulluu (Holy Place)tti ilaallama. Kanaaf yeroo hedduu mootummootaa fi ummata adunyaa biyya garagaraa jiruuf dhimmi isaanii ajandaa ta'a. Amantaa Islamaa, Kiristaanaa fi Judizimii biratti lafti kunniin seenaa fi iddoo murteessaa qaba.
---
Yahudootaf lafti kun lafa Akaakayyuun gosoota Jiwiishii, Yaqob (Nabi Ya'aqub(As)) ijoollee isaa wojji irra jiraataa ture; lafa Waaqni, Abrahamif (Nabi Ibrahimiif)fi sanyiin isaa irra haa jiraataniif dhaameef, lafa Muuseen (Nabi Muusaan) haleellaaf dhumaatii Fara'oonii Masrii jalaa isaan itti baqachiise; lafa Nabi Dawud fi Suleymaan ( David and Solomon) itti mootummaa isaanii ijaraanii itti turan. Kanaaf isaniif akka lafa seenaa qulqullutti ilaalu.
---
Kiristaanotaafis lafti sun seenaa addaa qabdi. Akka lafa eebbifamtuutti (holy) ilaalamti. Magaalan Beetelehem kan Kirisotis (Nabi Isa) itti dhalatan achuma lafa Paalistiniifi Isra'eel irratti woldhabaan keessa jirti, kan Kiristoos barnoota amantaas itti barsiisaa turan lafuma kanneen, booda irras kan itti fannifamaniifii itti awalamanii (achuma Jerusalem), achumas du'aa ka'anii gara samii deemanitti fudhatama amantaa Kiristanaa birattis. Manneen amantaa (Church) seena qabeessa ta'an lafa woldhibdee kana keessa jiru. Kanaaf iddooleen kun Kiristaanota adunyaa irra jiraniif akka qaamaa seenaa amaantaa isaaniitti fudhatu.
--
Muslimootaaf ammoo Makkaaf Madiinatti aanee Jerusalem (Al-Quds) iddoo eebbifamtuu (holy city) sadaffaadha. Masjiidin Al-Aqsaa kan Jerusalem argamu bara Nabi Mohammed (SAW) jalqaba amantaa Islaamaa barsiisaa turan 'Qiblaa' jalqabaa ture. Kaloo Masjiida kana keessa (Al-Aqsa) irraa Mi'iraj (Gara Samii -Jannataas kan deeman). Booda irras bara Umar Ibnul Khaxab Kaalifaa Muslimotaa ture kara nagahaatiin furtuu Masjida Al-Aqsaa Paatirarikii irraa fuudhe. Kana qofaaf otoo hin ta'in, akka Islamaatti Nabiyyooni hunduu Kiristoosis (Isaas) dabalatee daandii amantaa Islaamaa irra akka turan amanama. Kanaaf Nabiyyoon 14 (Nabi.Yaqob, N.Yusuf, N.Dawud, N.Suleyman, N.Isaa, N. Yushua, N. Ibrahim, N.Luux, N.Ismael, N.Yishaq, N.Shu'eb, N.Zakariya, N.Yahya, fi N. Mohammed (SAW)) lafa Palistiniifi Israa'el irratti woldhabaa jiran kana wajji jireenyi isaanii hariiroo qaba: gariin irratti dhalatan, ykn gariin irra jiraatanii, ykn barsiisanii, ykn gariin keessa darban, gariin du'anii itti awwalaman waan ta'eef gama kanaanis Musliimonnis akka qaama seenaa amantaa isaaniitti ilaalu.
--
Kanaaf dhimmi woldhibdee isaanii yeroo tokko tokko hordoftoota amantaa kanneenifi mootummoota biratti ija addaatiin ilaalaama.
*** ***
Yaa'ii Woliigalaa Mootummoota Gamtoomanii (General Assembly of UN) Onkoloolessa bara 1947 godhameen dhimma Paalistiiniifi Israa'el irratti murtiin darbe. Murtiin kunis "Partition Resolution" - Qoqqodaa lafaa jidduu Paalistiiniif Israa'eliiti. 'Partition Resolution' kun lafa %54 ta'u Israa'eliif, %45 kan ta'u ammoo Paalistiiniif kan kennu yoo ta'u Magaalaan Jerusalem (Al-Quds) kan hikkoo amantaa guddaa qabdu ammoo bulchiinsa Idla-adunyaa jalaatti akka Mootummoota Gamtomaniin bultu kan jedhu ture. Yeroo san laakkofsi ummata Paalistiinii %68 kan ta'uufi lafti qabatanii jiran ammoo %93 kan ta'u waan tureef Araboonni Paalistiin murtee Mootummoota Gamtoomanii (United Nations) kana mormuun, gara hokkara biraatti ce'an. Gonkummaa murteen kun haqa-qabeessaa waan hin taaneef Paalistiinoonni kan hin fudhanne ta'uu mormii garagaraatiin muldhisan.
---
Ji'a torba booda Caamsaa 14, bara 1948 Ingilizonni lafa Paalistiin (lafa woldhibdee san) kan hadaraadhaan woggaa soddomaaf bulchaa turan dhiisanii kan bahan ta'uu ibsan. Galgaluma Caamsaa 14 san, haala qoqqodinsa Mootummoota Gamtoomanii (UN) saniin Israa'eloonni Mootummaa Israa'el (State of Israel) dhaabbachuu isaanii adunyaaf labsan. (UN)-nis beekamtii kennuufi ibse. Kun ammoo woraana jabaa biyyoota Arabaa Shan kan Paalistiiniin deeggaran (Lebanon, Jordan, Syria, Iraq, Masrii, akkasuma Saudin ammoo harka jalaatiin karaa Masriitin) Israa'el irratti haleellaa jalqaban. Woraanni kunis (Arab- Israel War of 1948) jedhamee beekama. Magaala guddoo Israa'el tolfatte Tel Aviv rukuttaa xiyyaraan haleelan. Isra'elis ofirraa dhorkite. Booda Ingilizonni bahaa turan deeggarsa Isra'eeliif gochuun Isra'elonni of ittisuu irraa gara haleeluutti ce'an. Woraana kananis mohachuun lafa dabalata kan Paalistiin qabatan.
---
—-
Woraana Adunyaa Tokkoffaa (WW-I) booda Ingilizonni lafa Paalisitiinii kan hadaraa Liigii Mootummootaatiin (League of Nations)tiin woggoota 30f bulchaa turan yeroo ji'a jahaa keessatti akka gad dhiisanii bahan bara 1947 beeksisuu isaanii hordofee Dhabbanni Mootummoota Gamtoomanii (United Nations), Yaa'ii Woligalaa dhimma lafa kanaa irratti Onkoloolessa bara 1947 godheen waan furmata ni taha jedhe "Partition Resolution" - Qoqqoddaa Lafa Paalistiinii, Araboota Paalistiinii fi Jiwiishota Israa'el jiddutti akka godhamu baase.
---
---
Akkuma asii olitti ibsame san haala "Partition Resolution" kanaan lafa woliigalaa Paalistiinii keessaa %54 ta'u Israa'eliif, %45 kan ta'u ammoo Paalistiiniif kan dhiisu ta'ee Magaalaan Jerusalem (%1) kan hikkoo amantaa guddaa qabdu ammoo bulchiinsa Idla-adunyaa jalaatti akka Mootummoota Gamtomaniin bultu kan jedhu ture. Yeroo san laakkofsi ummata Paalistiinii %68 kan ta'uufi lafti qabatanii jiran ammoo %93 kan ta'u waan tureef Araboonni Paalistiin murtee Mootummoota Gamtoomanii (United Nations) kana kan loogii qabuufi kan hin fudhanne ta'uu agarsiisutti ka'an. Paalistiinota qofa otoo hin ta'in Mootummoonni Biyya Arabaa kan gargaraa dhuunfa dhuunfaanii fi akkasumas Liigiin Biiyyoota Arabaa murteen kun sirrii akka hin taaneefi kan fudhatama hin qabne ta'uu ibsan.
---
---
Ji'oota jahan hanga Ingilizonni dhiisanii bahaniif jiran san keessa wolitti bu'iinsi garagaraa Araboota Paalistiinii fi Jiwiishota (Yahuudota) jidduu godhamaa ture. Gaafa guyyaa Ingilizonni bahuuf murteessan dhume san, Jiwiishonni Isra'eel, Mootummaan Israa'el ( State of Israel) haala 'Partition Resolution'-ii Mootummoonni Gamtoomaan baase saniin dhaabbachuu isaanii adunyaaf labsan. Labsii akka mootummatti, akka biyyaatti hundeeffamuu isaan labsan kana humnoonni aduunyaa gurguddoon lamaan: Amerikaafi Gamtaan Sooviyeet (Raashiyaan), akkasumas Dhaabbanni Motummoota Gamtoomanii (UN), mootummaa dhaabbateef beekmatii kennuu isaanii ibsan.
---
---
Kun kan ta'e woggaa lama boda erga Adolf Hi**er Jiwiishota Miliyoona Jahaa ol ta'an kan Awuuropaa keessa turan gara-jabinna garagaraatiin fixe booda (1941-1945). Dhumaatii Holokaast (Holocaust) kana booda adunyaan rifannoofi gara-nyaattoon Jiwishootaa qaban uumame. Garaa nyaattoon kun ammoo akka kaayyoon isaan Paalistiinitti deebi'anii biyya Israa'el jedhamtu ijaarachuuf qaban sun ija badaan hin ilaallamne gochuu bira taree Murtee Mootummoonni Gamtooman murteesse saniif (Partition Plan)niif gahee akka qabu amanama. Murtee kana irratti ammoo wonti biraa kan gahee qaba jedhamee amanamu Jiwiishonni biyya garagaraa irra faffaca'anii jiran iddoo murteessoo garagara qabataniis waan jiraniif dhiibbaan isaan godhanis murtee UN kanaaf gahe akka qabu amanama.
****
Jiwishonni amantaa Juudiizim jedhamu hordofu. Amantaan kun duudhaa, aadaa fi seera isaanitis. Amantaan Juudiizim kan dhufe Abraham (Nabi Ibrahim) irraa woggaa kuma afur dura akka ta'e amanu. Akka amantaa isaanitti Waaqni erga Abrahaamitti of-ibsee booda, akka inni fi ijoolleen ijoollee isaa (sanyiin) isaa addaa fi Waaqa biratti filatamoo ta'anii itti hime jedhanii amanu.
---
---
Judizimiin kitaaba amantaa Tanakh (Hebrew Bible) jedhamu qaba. Tanakh kun Kitaaba Qulqullu (Kakuu Moofaa - Old Testament) guutuu kan qabu ta'ee garuu halli tartiiba boqonnaan itti barraahe garagara. Tanakh kun dabalataan Kitaabolee kan biroo shan (Torah - Tooraat dabalate) kan qabudha.
---
Iddoon kadhannaa isaanii 'Synagogue' ykn 'Shul' jedhama. Abbootiin amantaa ammoo 'Rabbi' jedhamu. Urjiin qara jahaa qabdu kan alaabaa Israa'el irra jirtu sun mallattoo amantii Juudiizimiiti. Akka amantaa isaaniti gara fuulduraa Nabiyyiin "Messaih" jedhamu kan sarara sanyii Nabi Dawud (David) irraa dhalatu ni dhufa. Inni Jiwiishota (Yahuudota) adunyaa irra faffaca'anii kallatti arfaniinuu jiran lafa Israa'el irratti wolitti qaba. Masiyaan (Messiah) kun akka qajeelfama 'Torah' - kitaaba amataa shanan jedhe keessa kan jalqaba san- hordofan godha. Israa'eloota cubbuuf waan badaa irraa dhorka, ni qulqulleessa. Miidhamaaf rakkoo irraas ni baraara. Adunyaan guutuunis dhufaatii isatiin nagaa argatti jedhanii amanu.
---
Akka amantaa isaaniitti Iyyasuus Kiristoos (Nabi Isaan) Waaqas miti. Nabiyyii Waqaatis miti jedhani amanu. Nabi Muhaammad (SAW)is nabiyyii akka hin taanetti amanu. Barreeffama amantaa isaanii tokko tokko keessatti akka Nabiyyoota sobaa ummata dogongorsanitti ilaaluu ykn ibsu.
---
Yeroo ammaa Israa'el keessa Kiristaanonni jiratan %2 (lamaa) gadi. Irra jireessaan (%74) kan ta'an hordoftoota Juudizimiiti.
****
Wolitti bu'iinsi xixiqqoon Araboota Israa'eliifi Yahuudota jidduutti godhamaa turan cimanii itti fuufan. Jiwiishonni ijaarumsi isaan qaban kan Araboota Paalistiini irra jabaa ture. Gama siyaasaan, dipiloomaasiin, humna woraanaa ijaaruun, tikaaniifi wolii abboomuun Jiwiiishonni jajjaboo turan. Jaarmiyaan isaanis kan 'Hagana' jedhamu jabaa ture. Akkasuma Jiwiishonni adunyaa irra faffaca'anii jiran qabeenyaaf beekumsa garagaraa kan horatan turan. Beekamtii gurguddaa gama aartiitiin, muuziqaatiin, fiilmiitiin, daldalaatiin, kalaqaan, industirii, teeknoolojii fi saayinsiitiin argataa turan. Garuu laakkofsi Jiwiishotaa yeroo san 700,000 (kuma dhibba torba) kan hin caalle ture. Paalistiinonni ammoo lafa isaanii falmuuf haga tokko bifa garagaraan haa ijaraman malee, ijaarsi jaraa kan Yahuudota kan gitu hin turre. Laakkofsi Paalistiinotaa yeroo san Miliyoona 1.4 ture.
---
---
Israa'el Mootummaa dhaabbanne jechuu isii hordofee wolitti bu'iinsi xixiqqoon ture gara Waraanaatti ce'e. Seenaa woldhibdee isaanii keessatti guyyaan Israa'eel Mootummaa (Biyya) ta'uu labsatte sun ijoodha. Gaafas waan heddutu iddoo wol jijjire. Israa'el kaartaa aduunyaa irraatti yoo dhuftu, Paalistiin ammoo ni dhabmate. Jiwiishonni mootummaa yoo ijaaratan, Paalistiinonni ammoo bakkee irratti hafan.
---
---
Labsachuu Jiwishota san hordofee bara 1948 fi 1949 keessa woraana jabatu godhame. Lola (Battle) gurguddaa 32tu godhame. Lola gama daangaa jiruun biyyoota Araabaa shan kan Paalistiin deeggaran (Masrii, Syria, Iraqi, Jordani fi Lebanon) wojji yoo ta'u, jidduu biyyaa ammoo ijaarsaa garagaraa Araboota Paalistiinii wojjiin kan godhame dha.
---
---
Lola jidduu biyyaatti godhameen Jiwiishonni mo'achuu irra darbanii baadiyaa fi magaloota heddu fudhatan. Woranni gar malee hammaannaan ummanni Paalistiin hanga woraanni qabbanaayuuf jedhee qe'ee isaa dhiisee gara biyya ollaafi gara qarqara biyyaa godaanaa ture. Israa'eloonni gandoota 400 ol kan barbadeessanii, ummatas akka irra baqatu gochuun qulqulleessa turan.
---
---
Lola kanaan magalonni akka Tiberias, Haifa, Safed, Beisan, Jaffa fi Acree injifannoo woraanaatiin to'annaa Israa'el jala galan. Magaala hiikoo guddaa qabdu Jerusalem ille gama lixaatiin (Western Jerusalem) Isra'elootaan qabamte. Gama daangatiinis lola biyyoota Arabaa wojji godhaniin of irraa qolachuun injifatoo turan Israa'eloonni. Woraana Israa'eel akka biyyatti labsamuu hordofee godhame kanaan Paalisitiinonni 13,000 (kuma kudha sadi) yoo dhuman, isaan 723,000 (kuma dhibba torbaaf digdamii sadi) ta'an ammoo qe'ee, qabeenyaaf biyya isaanii irraa lamuu akka deebi'uu hin dandeennetti buqqa'an. Israa'elis nama kuma jaha ta'utu jalaa dhume. Woraana godhame kanaan Israa'el lafa Mootummaan Gamtooman isiif murteesse (%54) irra caaluun, lafti Paalistiinii % 77 ta'u Yahuudota Israa'elitiin qabame. Paalistiinonni lafa kana irratti woraana otoo hin baqatin hafan 156,000 (kuma dhibba tokkoof shantamii jaha) qofa turan.
---
---
Isaan baqatan dheebuun, qorraniifi rakkoo garagaratanii kaampilee baqattoota qarqara biyyaa (Weest Baank fi Gaazaa jiru) fi biyya ollaa jiruutti garmalee rakkachaa tura. Dhabbata Mootummoota Gamtoomanii dabalate, mootummoleen biros Israa'el ummata buqqa'e kana qe'ee isanitti akka deebi'an ha eeyyamtu gaafatanii turan. Garuu Israa'el gaafin kun woreegama nu kafalleetti qoosuudha, namni lafa qabanne kanatti as deebi'u tokkos hin jiru jettee jala sarartee adunyaaf himte. San boodas namoota deebi'uuf yaalanis itti dhukaasuu, hidhuufi maqaa lootee-galtota (Infiltrators) jedhu itti maxxansun hiraarsite. Lootee-galatota kamiifuu obsa akka hin qabnes labsite.
---
---
Worana kana injifachuu isii hordoftee, Israa'el labsii "Law of Return" - Seeraa Deebi'u jedhu bara 1950 baafte. Akka Seera kanaatti Jiwiishonni biyya adunyaa kamiin irrayyuu jiran Israa'eel deebi'uu kan danda'anii fi lammummaan Israa'el battalumatti kan kennamuuf ta'uu ibsite. Labsii kana hordofee Jiwiishota adunyaa garagara irraa (keessattuu biyyoota Arabaa) irraa galaniin laakkofsi Jiwiishota Israa'eeli kuma dhibba torba irraa Miiliyoona 1.5tti wogga tokko keessatti dabale. Isaan galan kana ammoo lafa Paalistiinota irraa buqquufteefi qabeenyaa isaanii san irratti qubsiisaa turte. Paalistiinonni akka hin deebine dhorkite, Jiwishota biyya garagaraa irra faca'an ammoo akka biyya haarawa hundeeftame tana (Israa'elitti) dhufanii jiraatan godhaa turte.
---
Namoonni barreeffama kana guutuu isaa dubbiftanii fixxan, fixuu keessan kutaa ‘comment’ keessatti naaf ibsa.
---
Maddi barreeffama kana kitaabolee dhimma kana irratti barraayan garagara kan dubbise irraa haala qindaa’aa fi gabaabaa ta'een afaan keenyaan isiniif dhiheesse.
---
Nuredin Luke
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Contact the business
Telephone
Website
Address
Celenqo
Harar
