Jafar dastaa
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Jafar dastaa, Health/Beauty, Shashemene.
kaleessi adhaa miti
adhi boruu miti addunya
dhumtuuf jette miskina hin midhin
25/11/2025
ilmaan Rasuulaa Meeqaatu Osoo Inni Lubbuun Jiruu Du’e ?
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Osoo Rasuulli Lubbuun jiruu ilmaan isaa Torban Keessaa Ja’aatu Isa Dura du’e. Isaaniis
1: Qaasim
2: Abdullaah
3: Ibraahim
4: Ruqayyaa
5: Zeeynab
6: Ummu Kulsuum
• Qaasim: Inni Osoo Rasuulli hin ergamin dura dhalatee joollumamatti osoo guddatee bakka hin gahin Makkatti du’e.
• Abdullaah : Erga Rasuulli Rabbii ergame booda dhalate Sababa saniif (Xaahir fii Xayyib) ykn Qulqullaawaa fii Gaarii jechuun yaaman. Absullaahiiniis daaimumma isaatti osoo Harma Luuguu hin dhaabin dura Makkatti du’e.
• Ibraahim : Inni xiqqoo guddatee eega amata tokkoo fii walakkaa gahe booda dhukkubsatee Madiinatti du’e.
• Ruqayyaa : Ruqayyaan Haadha Warra Sahaabticha beekkamaa kan osoo lubbuun jiruu jannataan gammachiifamee Usmaan Ibnu Affaan Turte. Hijraarraa Bara 2ffaa keessa duute. Isiin duunaan Rasuulli Rabbii Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Usmaan Ibnu Affaaniif intala isaa Ummu Kulsuum kenneef. Usmaan Ibnu Affaan Radiyallaahu Anhu ilmaan Rasuulaa lama waan fuudheef (Zinnuureeyni) ykn Abbaa ifaa Lamaa ja’amuun Yaamamuu ture.
• Zeeynab : Isiin Haadha warraa Abil Aas Ibnu Rabii’i turte, Hijraarraa Bara 8ffaa Keessa duute.
• Ummul Kulsuum: isiiniis Haadha warraa Usmaan ibnu Affaan turte, obboleeytiin isii Ruqayyaan Usmaan jalaa duunaan Rasuulli isii Usmaaniif kenne, isiin ammoo Hijraarraa Bara 9ffaa keessa duute.
Hubachiisa:
ilmaan Rasuulaa keessaa tan eega Inni du’ee addunyaarraa gale isa booda duute Faaximaadha.
• Faaximaan haadha warraa Aliyyi Ibni Abii Xaalib akkasuma Haadha Hassanii fii Husseen turte, isiin irra caaltuu dubartoota addunyaa tanarratti Rabbiin uumeeti. Isiin Maatii rasuulaa tan eega rasuuli du’e booda itti aanee du’e keessaa tan jalqabaa turte.
•Yeroo Umriin isii 25 gahu Hijraarraa Bara 11ffaa zamana khilaafaa Abuu Bakru Siddiiq keessa duute.
Obboleeyyan Kiyya barreeffama kana erga dubbiftanii booda nama fayyada jattanii yoo yaaddan Share godhaa
Art tun enyu jedhamti naaf himaa
10/11/2025
salanni tasgabbi qalbiiti
irkoo duniyaaf akeraati
furtuu jannataati
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Telephone
Website
Address
Shashemene
SHAASHEE
