Duresa Kedir Offical
Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Duresa Kedir Offical, Health/Beauty, Shashemene.
Ummata keenya booranaa cinaa haa dhaabbannu Yaa Oromoo
01/03/2023
Koottaa page kana follow godhaa
23/12/2022
FAAYDAA TIRUU NYAACHU
1).Fayyummaa onneetiif
2).Bareeduma gogaatiif
3).Kaanserii nurra ittisuuf
4).Qaamni keenya akka dhibee ofirraa ittisuuf nu gargaara
5).Summii garagaraa qaama keessaa balleessuuf
6).Qaama keenya humna/anniisaa dabala
7).Jajjabina lafee/maashaaf
8).Foon qaama keenyaa dabaluuf
9).Vaayitaaminaan kan badhaadhe
10).Hir’ina dhigaatiif
11).Yaaddoo nurraa ittisa
12).Dhibee hirribaan wal qabate sirreessuuf
13).Kaaliseyimin kan badhaadhee
14).Rakkina dhala dhabuu sirreessuuf
15).Qaama keenya qulqulleessuuf
Gosoota tiruu gaarii
✍️Tiruu lukkuu
✍️Tiruu horiii
✍️Tiruu hoolaa
✍️Tiruu qurxummiii
Tiruu torbaaan keessatti al tokko qofa nyaadhaa
Tiruu dheedhii nyaachuu osoo hin taane bilcheessuun filatamaadha...........Horaa Bulaa Maddi keenya M.M
Haadholeen Ulfaa Ayiranii fi Foolik Asidii Fudhachuun faayidaa maalii qaba?
========================
✅Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa(WHO) fayyaa haadholee fi daa'immaniitiif faayidaa guddaa waan qabuuf Ayiranii fi Foolik Asidii( Fooleetii) akka qaama tajaajila kunuunsa da'uumsaan duraatti fudhachuu ni gorsa.
✅Ayiraniin dhukkuba hir'ina dhiigaa(Aniimiyaa) ittisuuf yoo fayyadu, Foolik Asidii ammoo guddina sammuu, Dugugguruu dugdaa ( ispaayinaal koordii) fi seelotni narvii haala barbaadamuun wal baay'isuu akka danda'aniif oola.
♻️Sababa Hir'ina Fooletii( Foolik asidiitiin) hir'inni guddina sammuu daa'imaa fi miidhamni seelota sirna narvii muudachuu mala. Kun ammoo fayyummaa daa'imaa irratti hubaatii cimaa geessisa. Rakkooleen fayyaa haadholee fi daa'immanii sababa kanaan dhufan naannoo keenya keessatti baldhinaan ni muldhatu. Kanaafuu, ulfaa'uun duraa fi waqtii ulfaa gara jalqabaatti haadholeen Foolik Asidii fudhachuun barbaachisaadha.
♻️Akkasumas, hir'inni albuuda Ayiranii akkuma hir'ina dhiigaatiif haadholee saaxilu, daa'imman haadholee hir'ina dhiigaa qaban irraa dhalatanis miidhaa guddina sammuu, miidhama sirna dhukkuba ofirraa ittisuu, ulfaatina xiqqaadhaan dhalachuu fi yeroon osoo hin geenye dhalachuu dhaaf saaxilamoo taasisa.
♻️Kanaafuu, haati ulfaa takka yommuu tajaajila kunuunsaa da'uumsaan duraa hordoftutti albuudota kanneen ogeessi fayyaa yommuu isheef kennu xiyyeeffannoon fudhachuu qabdi. Abbootiin warraa, miseensotni maatii, ogeessotni fi qaamotni haadha ulfaa wajjin hidhata qaban martinuu deeggarsa barbaachisu gochuun gahee keenya haa baanu!
Page kana follow godhaa🙏
24/10/2022
TAAYIFOODI - Typhoid Fever
*****************************
Taayifoodiin baakteriyoota "Salmonella Typhi" fi "Salmonella Paratyphi" jedhamuun dhufa. Dhukkubni kun biyyoota guddataa jiran keessatti bal'innaan kan mul'atu fi cinqaa ta'uyyuu, biyyoota guddatan keessatti hedduu hin muldhatu.
---
---
Taayifoodiin yeroo baay'ee nyaata qulqullinna hin qabne fayyadamuun, bishaan qulqulluu hin taane dhuguudhaan, fuduraaf kuduraa dheedhii naannoo bobbaa itti bahanitti biqile nyaachuun, akkasumas nama dhukkuba san qabu wojjiin hariiroo/wolitti dhiheenya dhihoo qabaachuudhan daddarba. Dandeettiin dhibee ittisuu qaamaa gadi bu'uun, akkasumas dhukkuboonni ykn qorichoonni aasidii garaachaa hirdhisan carraa dhukkuba kanaan qabamuu ol kaasu.
---
---
Mallatooleen dhukkuba kanaas erga wontoota dhukkuba kana namatti fidaniif saaxilamanii booda torbaan tokkoo hanga sadihii keessatti mul'atu malu.
---
---
Mallatooleen isaas:
* Hoo'a qaamaa guyyaa gara guyyaatti dabalaa dhufu/Hoo'a ol'aanaa
* Bowwoo /dhukkubbii mataa
* Nama dadhabsiisu
* Nama dafqisiisuu, hollachisuu, ykn Sheengarsiisuu
* Fedhiin nyaata hirdhachuu ykn dhabamuu
* Nama lolloojjessuu ykn haqqisiisuu
* Garaa nama gogsuu ykn nama baasuu
* Maashalee harkaafi lukaatti dhukkubbiin namatti dhagahamu
* Garaan nama muruu/dhukkubii garaa
* Shifiniinii xixiqqoo gogaa garaa, laphee fi qomaa irratti mul'atan
Hub: Mallatooleen armaan olii hundi yeroo tokkotti/wol faana mul'achuu dhabuu danda'u.
---
---
Rakkinnoolee Taayifoodiin darbee darbee (keessattuu yoo otoo hin yaalamin hafe) qaama keenya irratti fiduu danda'u:
▪︎Mar'umaan keenya quunca'e akka dhiiguufi urame akka qaawula bahu gochuu danda'a
▪︎Darbee darbee Infeekshinii Kalee, Afuuffe fincaanii, Maashaa onnee, Somba, Rajiiji, Tiruu, Manjalloo, Nama suursuu/waan dhukkuba akka qalbii fa'a fiduu danda'a.
---
---
Maal haa goonu?
• Qulqullina nyaata keenyaa eeguu.
• Bishaan qulqulluu fayyadamuu
• Mana fincaanitti fayyadamuu
• Mana fincaaniiti yoo baanu harka keenya saamunaan dhi
07/09/2022
04/09/2022
🙏
04/09/2022
👌
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Culinary Team
Attire
Contact the business
Telephone
Website
Address
Shashemene
