Tumsaa Daandii Haqaa
Yes
08/22/2026
"Qaamni haqa Oromoo awwaaleen isarra dhaabbadhee mul'adha jedhu yoo jiraate ofiif kan awwaalamu ta'a!"
Obbo Shimelis Abdisa, PMNO
08/22/2026
Yaadoota Murtoo argatan:-
1.Finfinneen Magaalaa Guddoo Oromiyaa ta’uu heera Mootummaan akka mirkanaa’u.
2.Afaan Oromoo Afaan Hojii Fedaraalaatti akka ida’amu.
3.Afaan Hojii Magaalaa Finfinneettis Afaan Oromoo akka ida’amu.
4.Heera Mootummaa irratti “Faayidaa addaa” kan jedhamaa ture,qabeenyi Uumamamaa Magaalaa Finfinnee Faayidaa Waloon akka bakka buufamu.
5.Guyyaan Kabaja Irreechaa akkuma Ayyaanoota biyyattiitti gara biroo kalaandara keessatti akka hammatamu fa'aadha.
05/06/2023
Bara Sana Dhaamsa Guddaa ture.
Garuu.....
Hagabuu Karaa Gubbaa
Amma qoosaan nu hin baasu. Ummati keenya gidiraa hamaa himuufuu ulfaatu keessa jira. Sana hiikuuf karaan nagaa callaa dha. Nagaa ammoo mariitu fida. Marii gubbaatti yaadi fedheeyyuu ka'uu danda'a. Wanti guddaan jiruu fi fedhii ummataa geddugaleeffatanii dhawaataan addooma dhiphisuu dha. Mataa jiru irratti qarree qoru. Aangoon ummata malee gatii hin qabu. Rakkoon ummataa yoo nu quuqe wanti ulfaatu hin jiru.
Eeyyeen dhuguma. Nagaan utubaa waa hundaati. Ammoo Gatiin nagaa nu warra magaalaa mana hoo'aa keessa diriirfatee jiraatuuf guddoo hin galu. Haadhaa hiyyeessaa isii badii malee qe'ee buqqaatee daa'imman xixinnoo waliin hagabuu isii rooba keessa karaa irra bultuuf garuu ajandaan nagaa caalu hin jiru! Isiif jecha qoosaa dhiifnee nagaa haa dubbannu! Nagaaf yaa hojjannu!
05/06/2023
Dhageesanii?
Click here to claim your Sponsored Listing.
Category
Telephone
Website
Address
Lasvegas
Las Vegas, NV
LOVE@ME
Alerts
Be the first to know and let us send you an email when Tumsaa Daandii Haqaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.
